"AFOLU Itoophiyaa 'Pilaatfoormii' beekumsaa biyyaalessaa bara 2019 hundeeffame yoo ta’u, kaayyoon isaa guddaan ragaalee qorannoo saayinsawaa, muuxannoo hojii qabatamaa fi beekumsa dhalootaa walitti qindeessuun seektara qonnaa, bosonaa fi itti fayyadama lafaa, Itoophiyaa keessatti jijjiirama waaraa fiduudha. Pilaatfoormiin kun akka riqqichaatti tajaajiluun qorattoota, dhaabbilee barnootaa, raawwachiiftota imaammataa fi hawaasa bu’uuraa gidduutti wal-jijjiirraa beekumsaa fi wal-ta’iinsa cimaa uumee, rakkoolee manca’iinsa naannoo fi jijjiirama qilleensaa kutaalee biyyatti hunda keessatti mul’ataniif furmaata saayinsaawaa akka argatan taasisa. Kana malees, ijaarsa dandeettii ogeessotaa fi dargaggootaa irratti xiyyeeffachuun, hojii Ashaaraa Magariisaa fi tarsiimoo diinagdee magariisaa biyyaalessaa utubuudhaan, qabeenya uumamaa keenya haala dhaloota har’aa fayyadee kan boruuf dhaalchisaniin akka bulchinuuf Pilaatfoormii utubaa ta’ee tajaajiludha.




"Lafa itti dhalanne, bishaanii itti dhugnee fi bosona itti guddanne eeguun dirqama dhaloota har'aa fi boruuti."
"Protection of the land where we were born, the water we drank, and the forest where we grew is the duty of today's and tomorrow's generations."
AFOLU Itoophiyaa gaaffii qorattootaa, hirmaattoota mootummaa, dhaabbilee misoomaa, gaazexeessitootaa, fi miseensota hawaasaa simata. Ergaalee fi Yaadota kara toora qunnamtii keenyaan nu dhaqqaban hatantamaan deebisuuf ni hojjanna
AFOLU Itoophiyaa paltifoorma biyyaalessaa beekumsa qooddachuu yoo tahu kan hundeeffame bara 2019 (2011 ALI) dha. Kaayyoon isaa inni guddaan ogummaafi qorannoo qonna, bosonaa, fi bulchiinsa qabeenya uumamaa irratti hojjetaman walitti fiduufi muuxxannoo waljijjiirudha. Dhaabni kun amantaa tokko irratti hundaa'a. Innis: “Qoteebulaa, barattoota, qorattootaa fi mootummaa gidduutti beekumsi yoo walqoodame qofa lafa keenya tursiisuun danda’ama.”
Itoophiyaa keessatti bosona Ras Dashen irraa hanga gammoojjii Dallolitti, AFOLU Ithoophiyaa odeeffannoo saayinsii, muuxannoo dirree, beekumsa hawaasaa fi gorsa seeraa walitti fidee naannolee adda addaatti raabsa. Waltajjii barnootaa, foraamii ogummaa, maxxansa waliinii fi kanaala dijitaalaa fayyadamuun dhaabni kun beekumsi naannoo tokko keessatti uumame naannoo kaanitti akka gahu taasisa.
🌎 EnglishAFOLU of Ethiopia operates primarily as a national knowledge sharing platform dedicated to strengthening collaboration, learning exchange, and professional dialogue among stakeholders working in agriculture, forestry, and broader natural resource management sectors. Established in 2019, the initiative was founded to support the transmission of evidence based knowledge across institutions, practitioners, researchers, students, and community actors engaged in sustainable land-use systems throughout Ethiopia. From the Ras Dashen highland forest ecosystems to the dryland environments of the Dallol Depression, the platform promotes communication that strengthens shared understanding of sustainable land management challenges, opportunities and expriences.
AFOLU Ithoophiyaa tarsiimoo biyyaalessaa Dinagdee Magariisaa Jijjiirama Qilleensaa Dandaate ijaaruu beekkumsa saayinsaawatiin deeggaruudha. Kunis bu'aa qorannoo saayinsii gara og-barruu itti fayyadamuu danda'amuutti hiike ogeeyyotni dirree, mootummaa, dhaabbilee barnootaa, hawaasa maddii fi maamiltootni guddinaa akka itti fayyadamanii hojjatan taasisuudha.
Qorannoo saayinsaawaa gara waan namni diriirfachuu danda’uutti hiika. Muuxannoo beekumsa aadaa hawaasaa marii biyyaalessaatti fida. Furmaata jiruufi jireenyaa naannootti madaqe hojiirraa oolchuuf mootummaafi dhaabbilee gargaara.
🌎 EnglishAligned with Ethiopia’s Climate Resilient Green Economy strategy and national environmental priorities, AFOLU Ithoophiyaa serves as a bridge connecting knowledge producers and knowledge users across multiple levels of the land-use sector. The platform works to ensure that scientific research, policy developments, field experiences, and indigenous knowledge systems are shared effectively among stakeholders. Through seminars, professional exchanges, collaborative publications, and stakeholder engagement forums, the platform enhances institutional learning while supporting the adoption of climate-resilient and environmentally responsible land-use practices across Ethiopia’s diverse agro-ecological zones.
AFOLU Ithoophiyaa dargaggoota ogeessota haaraa ta'an, qorattootaa, fi barattootaaf karaa barumsaa fi walitti dhiyaachuu bana. Sagantaa ogummaa, leenjii, maxxansa waliin hojii fi waltajjii hawaasni irratti hirmaatu gurmeessuun ogeeyyotni kutaalee Itoophiyaa garaa garaa walitti dhufanii muuxannoo dirree akka walii qoodan fi beekumsa ogummaa waljijjiiran taasisa.
Hojiiwwan AFOLU Ithoophiyaa ijoo keessaa inni tokko dargaggoota carraa barnoota qabatamaa fi hirmaannaa marii biyyaalessaa kennuudhaan naannoolee hojii hunda keessatti furmaata itti fufiinsa qabu hojiirraa oolchuudha.
🌎 EnglishIn addition to serving as a national knowledge exchange hub, AFOLU of Ethiopia promotes professional networking and capacity development opportunities that empower students, researchers, practitioners, and policymakers engaged in agriculture and natural resource management. By encouraging interdisciplinary collaboration and continuous professional interaction, AFOLU helps strengthen the technical capacity of stakeholders working to address complex land-use challenges such as climate variability, soil degradation, deforestation, biodiversity loss, and watershed instability. The organization also plays an important role in supporting early-career professionals by creating accessible learning environments where they can engage with experienced experts and participate in national dialogue processes.
🌿 Waliigalteen Keenya: AFOLU Itoophiyaa amantaa tokkoon qajeelifama “Bulchiinsi lafa itti fufiinsa qabu hojii nama tokkoo miti. Yeroo ammaa fi dhaloota dhufuuf lafa Itoophiyaa tursiisuuf beekumsa walqooddachuu barbaachisaadha.”
AFOLU Ethiopia represents a commitment to ensuring that today’s land use decisions protect the ecological inheritance of future generations bridging science, policy, and community action across Ethiopia’s diverse landscapes.
AFOLU Itoophiyaa ergamaa fi mul'ata isaa irratti hundaa'uun, qonna, bosonaa fi itti fayyadama lafaa Itoophiyaa keessatti jijjiirama waaraa fiduuf hojjeta. Pilaatfoormiin kun saayinsii, imaammata fi hawaasa bu'uuraa walitti hidhuun dachee jijjiirama qilleensaa dandamattu dhaloota dhufuuf dhaalchisuudha.
AFOLU Ethiopia's mission and vision represent a living commitment: that sustainable land use is not a distant ideal but a daily practice grounded in science, driven by community, and anchored in Ethiopia's ecological heritage.
Kaayyoon guddaan AFOLU Itoophiyaa sirna qonnaa, eegumsa bosonaa fi bulchiinsa lafaa walitti hidhamiinsa qabu jabeessuun jireenya hawaasaa fooyyessuu dha. Kunis kan raawwatamu ragaalee saayinsii irratti hundaahuun tajaajila gorsa ogummaa kennuu fi hojiwwan misoomaa hirmaannaa uummataa mirkaneessan babal'isuun. Hojiin kun hiyyummaa hir'isuu qofa osoo hin taane, qabeenya uumamaa biyyattii haala itti fufiinsa qabuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf kaayyeffata.
Ergamni AFOLU Itoophiyaa inni guddaan qonna ammayyaa fi itti fufiinsa qabu guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu dha. Dhaabbatichi hojiilee misoomaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu danda'an qopheessuun, qonni biyyattii dhibbaa qilleensaa irraa akka of eegu taasisa. Akkasumas, madda ragaa saayinsii ta'uun qorannoowwan gaggeessuun, misooma qonnaa fi bosonaa keessatti tarkaanfii ragaa qabatamaa irratti hundaa'e akka fudhatamu gargaara.
Dabalataan, bulchiinsa lafaa walitti hidhamaa ta'e hojiirra oolchuuf kutannoon hojjata. Hirmaannaa hawaasaa giddu-galeessa godhachuun, eegumsa bosonaa fi naannoo irratti xiyyeeffannoo guddaa kenna. Hawaasni naannoo isaa akka kunuunsuu fi qabeenya uumamaa irraa haala madaalawaa ta'een akka fayyadamu gochuun ergama isaa ijoo dha.
🌍 EnglishThe primary goal of AFOLU Ethiopia is to enhance the livelihoods of the community by strengthening integrated agricultural systems, forest conservation, and land-use management. This is achieved through evidence-based scientific advocacy and development initiatives that ensure active community participation. Beyond poverty reduction, these efforts aim to preserve Ethiopia's natural resources sustainably for future generations.
AFOLU Ethiopia focuses on advancing modern, sustainable agriculture to ensure food security across the nation. By implementing climate-resilient development programs, the organization empowers the agricultural sector to withstand the impacts of climate change, while serving as a vital hub for scientific research and evidence-based decision-making in forestry and agricultural development.
Egeree Itoophiyaa keessatti naannooleen biyya tanaa ekoloojiidhaan fayyaa ta'an, oomishtummaa qaban, jijjiirama qilleensaa fi dabalata ummataatti dandamatan fi hawaasni hundinuu qabeenya uumamaa badhaadhina isaaniif barbaachisu argachuu.
Mul'atni AFOLU Itoophiyaa kan biraa qonnaan bulaa odeeffannoo saayinsiitiif dammaqaa ta'ee oomishtummaa fi itti fufiinsa walitti makee jiraatu, fi kan dhaloota dhufuuf dachee badhaatuu dhaloota dhufu dhaalchisu gahoomsuu.
🌍 EnglishThe vision of AFOLU Ethiopia is a future in which Ethiopia's landscapes are ecologically healthy, productively managed, and resilient to the pressures of climate change and population growth, a future in which every community has access to the natural resources they need to thrive.
The other vision of AFOLU Ethiopia is to cultivate a farming community that is informed by science, integrates productivity with sustainability, and ensures that a healthy and productive landscape is preserved and passed on to future generations.
Ergamaa fi mul'ata keenya gara hojiitti jijjiiruuf, AFOLU Itoophiyaa kallattii ijoo torban irratti hunda'a. These seven pillars define our work from soil to policy, from community to ecosystem.
Ergamaa fi mul'ata keenya xiyyeeffannoolee tarsiimoo jaharraan hojiirra oolchina. Kunneen tarkaanfii saayinsii irratti hundaa'e, hirmaannaa hawaasaa fi imaammataa walitti hidha.
Dameen Qonnya, Bosona, fi Ittifayyadama Lafaa Biroo (AFOLU) utubaa dinagdee Itoophiyaa yoo ta'u, jireenya uummata biyyattii dhibbeentaa 80 ol ta'aniif madda galii ta'uun gumaacha olaanaa guddina biyyaa (GDP) keessatti qaba. Ta'us, dameen kun sababa gochaalee akka horsiisa loonii, qonna aadaa, fi jijjiirama itti fayyadama lafaatiin gaasii ho'ina dabalan dhibbeentaa 80 gumaacha.
Rakkoo kana hiikuuf, Itoophiyaan AFOLU tarsiimoo Dinagdee Madaqama Qilleensaa fi Magariisa (CRGE) keessatti qindaysuun, guddina kaarboonii hin maddisiisneen biyya galii giddu-galeessaa qabdu ta'uuf karoorfattee hojjechaa jirti. Inisheetiivonni akka Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy), kan biiliyoonaan muka dhaabuu dandeessise, biyyattiin lafa manca'e hektaara miiliyoona 20 ol deebistee misoomsuuf waadaa galte agarsiisa.
The Agriculture, Forestry, and Other Land Use (AFOLU) sector is the backbone of Ethiopia's economy, providing livelihoods for over 80% of the population and contributing significantly to the national GDP. However, this sector also accounts for nearly 80% of total greenhouse gas emissions due to activities like livestock production, traditional farming, and land-use changes.
To address these challenges, Ethiopia has integrated AFOLU into its Climate-Resilient Green Economy (CRGE) strategy, aiming to achieve middle-income status through sustainable and carbon-neutral growth. Ethiopia's AFOLU strategy focuses on four main pillars: improving crop and livestock production, protecting and re-establishing forests as carbon sinks, and scaling up climate-smart interventions nationwide.
Initiatives like the Green Legacy Initiative which has led to the planting of over 48 billion seedlings demonstrate the country's commitment to restoring over 20 million hectares of degraded land. AFOLU Itoophiyaa supports this national vision by providing the evidence base, technical capacity, and community engagement needed for lasting change.
| Tarsiimoo CRGE / CRGE Strategy | AFOLU Gahee / Role | Sagantaa / Program |
|---|---|---|
| Oomishtummaa Qonnaa Guddisuu | Qorannoo sanyii fi teeknoloojii ammayyaa | 🌾 Wabii Nyaataa |
| Bosona Haaromsu fi Tiksuu | Ashaaraa Magariisaa fi Daldala Kaarbonii deeggaruu | 🌱 Green Legacy |
| Kaarboonii Hir'isuu | Forest carbon accounting fi MRV | 🌳 Daldala Kaarbonii |
| Qonna Jijjiirama Qilleensaatti Madaqe | CSA teeknoloojii fi leenjii | 🌡 Dandamachuu |
"Lafa itti dhalanne, bishaanii itti dhugnee fi bosona itti guddanne eeguun dirqama dhaloota har'aa fi boruuti."
"Protection of the land where we were born, the water we drank, and the forest where we grew is the duty of today's and tomorrow's generations."
AFOLU Itoophiyaa pilaatfoormii beekumsaa biyyaalessaa bara 2019 hundeeffame yoo ta'u, ragaa qorannoo saayinsaawaa, muuxannoo hojii qabatamaa fi beekumsa dhalootaa walitti fiduun, qonnaa, bosonaa fi itti fayyadama lafaa Itoophiyaa keessatti jijjiirama waaraa fiduudhaaf hojjecha.
Hoggansi AFOLU Itoophiyaa riqqicha beekumsaa fi hojiirra oolmaa gidduutti ijaaramee, murtii ragaa irratti hundaa'e gara tarkaanfii misoomaatti jijjiiruudhaan, dachee jijjiirama qilleensaa dandamattu dhaloota dhufuuf mirkaneessuuf hojjechaa jira. Hoggansa jechuun karoora qofa osoo hin taane dandeettii dhalootaa ijaaruu, muuxannoo wal-jijjiiruu fi biyya tana egereef tiksuudha.
AFOLU Itoophiyaa — hoggansi isaa beekumsa wal-qooddannee, qonna, bosonaa fi lafaa ammayyeessinee, egeree jijjiirama qilleensaa hin dukkanoofne dhaloota dhufuuf dhaalchisuudha. Daayirektoreettiin tokkoon tokkoo riqqicha ta'ee hojjeta — saayinsii gara hojiitti, hojii gara jijjiirama biyyattiitti.
AFOLU Itoophiyaa caasaa dhaabbataa isaa qorannoo saayinsaawaa, sagantaalee gurguddoo, fi itti gaafatamummaa dhaabbilee walitti makuun ijaarame. Caasaan kun hojii teknikaa fi sagantaalee garaagaraa walitti qindeessuun kutaalee biyyatti hunda keessatti deebii kennuu fi sagantaalee ragaa irratti hundaa'an hojiirra oolchuuf dandeessisa.
AFOLU Ethiopia's organizational structure integrates technical expertise with program delivery and institutional accountability — supporting a matrix of functions that enable responsive, evidence-based programming across Ethiopia's diverse regions.
| Sagantaa | Bara | Bu'aa Ijoo |
|---|---|---|
| 🌱 Green Legacy | 2019–itti fufa | Biqiltuu 48B+ dhaabame; bosona 23.6% |
| 🌳 Daldala Kaarbonii | Itti fufa | Bosona hawaasaa naannoo 3+ keessatti |
| 🌡 Dandamachuu | CRGE waliin | CSA teknolojii kuntaalee 10,000+ |
| 🌾 Wabii Nyaataa | Itti fufa | Qamadii kuntaala M 110+; of-danda'uu |
Hojii qindeessitootni kunniin qorannoo saayinsaawaa fi hirmaannaa hawaasaa walitti fidu. Qorattoota, dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi miseensota hawaasaa qabatamaa hojii AFOLU keessatti hirmaachisuu irratti hojjetu. Foramii ogummaa, leenjii, maxxansa waliinii fi waltajjii hawaasni irratti hirmaatu gurmeessuun, muuxannoon dirree walqoodamu taasisa. Itti gaafatamummaan isaanii Daayirektoreetii Hoggansa Beekumsaa fi Teeknikaafi.
AFOLU Itoophiyaa — caasaan isaa kaayyoo tokko qofa gara hojiitti jijjiiru
qopheessa: beekumsa saayinsaawaa, muuxannoo dirree fi imaammataa walitti hidhuun, dachee
Itoophiyaa jijjiirama qilleensaa dandamattu dhaloota dhufuuf mirkaneessuudha.
"Every directorate, every unit, every sector exists to answer one question:
how do we ensure Ethiopia's land nourishes every generation to come?"
Seektarri Saayinsii Biqiltootaa qorannoo midhaan callaa, kuduraa, muduraa, atara fi biqiltoota mi'eessituu irratti xiyyeeffachuun, oomishtummaa qonnaa fi wabii nyaataa biyyaalessaa cimsuuf bu'uura saayinsaawaa dhiyeessa. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti pilaatfoormii beekumsaa fi qindoominaa ta'uun, qorattoota saayinsii biqiltootaa, dhaabbilee qorannoo qonnaa, qaamolee mootummaa fi qotee bultoota gidduutti walitti hidhamiinsa cimaa uumuun, ragaa qabatamaa fi tooftaa saayinsaawaa qotee bulaa biyyaalessaa biraan ga'uuf riqicha ta'ee hojjeta.
Seektarichi hojii isaa keessatti naannoolee agroekoolojii Itoophiyaa hunda kan hammatu yoo ta'u, qorannoo madaqsaa sanyii, bulchiinsa biyyee, qusannaa bishaan qonnaa, akkasumas to'annaa dhukkubaa fi farra ilbiisotaa dabalatee, qotee bultoota Itoophiyaa hunda ogummaa fi beekumsaan deeggaruun, gara oomishtummaa olaanaa fi tasgabbii jijjiirama qilleensaatti akka ce'an taasisuuf hojjeta.
🌍 EnglishThe Plant Science sector at AFOLU Ethiopia addresses the full spectrum of crop development, seed system management, and agronomic innovation required to sustainably improve food production across Ethiopia's diverse agroecological zones. With farmers operating across highland, midland, and lowland environments, plant science interventions must be adapted, evidence-based, and locally relevant.
AFOLU's work focuses on supporting the development and dissemination of improved crop varieties, strengthening formal and informal seed systems, and advancing knowledge on soil-crop-water interactions that improve productivity while protecting long-term soil health. By connecting researchers, extension workers, and farmers, AFOLU ensures that scientific breakthroughs translate into real change on the ground.
Hojiwwan saayinsii biqiltootaa AFOLU Ethiopia hojjatu hojiwwan walitti hidhamoo afur irratti xiyyeeffata isaaniis sanyii irraa hanga gabaa geessutti, qorannoo irraa hanga dirree qonnaan bulaatti.
AFOLU Itoophiyaa sanyiiwwan ammayyaa jabeenya qaban, dhukkuba ofirraa ittisan, fi jijjiirama qilleensaatti madaqan qorannoo dhaabbilee biyyaalessaa fi idil-addunyaa waliin ta'uun madaaluun qonnaan bulaan akka argatu taasisa.
Sirni sanyii Itoophiyaa keessatti lama dha. Isaaniis sirna mootummaa (formal) fi sirna hawaasaa (informal/community-based). AFOLU sirna lachuu cimsa: sirna mootummaaf ragaa teknikaa kennuu, sirna hawaasaaf ammoo qonnaan bulaan sanyii qulqulluu yeroo barbaadamu akka argataniif dhaabbilee hawaasaa ijaaruudha.
Naannoolee agroecological Itoophiyaa keessatti qonnaa ammayyeessuuf qorannoo dirree fi leenjii qonnaan bulaan gaggeessina. Biyyee, bishaan, fi qonnaan walitti hidhiinsa qabaniif furmaataa naannoo tokkoon tokkotti madaqe kenninee, oomishtummaa guddistee gabbina biyyee eegne hojjenna.
Beelli fi dhibeen qonnaa bu'aa oomishaa hir'isuu keessatti balaa olaanaa qabu. AFOLU Itoophiyaa sirna Integrated Pest and Disease Management (IPDM) — kan beela fi dhibee fayyadama qoricha kimikaalaa xiqqeessuun ittisan — babal'isuu fi leenjii irratti hojjeta.
Jijjiiramni qilleensaa kan akka hanqina roobaa fi ho'a dabalaa qonna keenya irratti balaa uumaa jira. Kaayyoon guddaan AFOLU Itoophiyaa sanyiiwwan hongee fi ho'a danda'an qorannoon mirkaneessuu fi barmaatilee qonnaa jijjiirama qilleensaatti madaqan babal'isuun badhaadhina qonnaan bulaa fi itti fufiinsa qabeenya uumamaa biyya keenyaa mirkaneessuudha..
AFOLU Itoophiyaa pilaatfoormii beekumsaa ta'uun, qorattootaa, ogeessota extension, dargaggootaa fi qonnaan bulaadhaaf waltajjii barumsaa fi wal-jijjiirraa beekumsaa qopheessa. Seektarichi kanas itti fufsiisuuf naannoo tokkooti muuxannoo argate naannoo biraatti darbuuf hojjeta.
AFOLU Itoophiyaa seektara Saayinsii Biqiltootaa keessatti qorannoo ijoo jaharratti xiyyeeffata. Kunneen ragaa saayinsaawaa qonnaa Itoophiyaa jijjiiru irratti hojii kennu.
Seektarichi addatti hin hojjatu sagantaalee guguddoo fi seektaroota birootti hidhata cimaa qaba.
Sagantaan Wabii Nyaataa Itoophiyaa milkaa’ina seektara Saayinsii Biqiltootaa irratti hundaa’a. Inisheetiivoonni gurguddoon akka Misooma Qamadii (Wheat Initiative) kan hektaara miiliyoona 3 ol irratti oomisha kuntaala miiliyoona 110 ol argamsiise fi sagantaa "Bulee" (Green Fruit & Vegetable Initiative) kan hektaara kuma 800 ol irratti kuduraa fi muduraa misoomsu hundi isaanii bu’aa seektara kanaati. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti qajeelfama teeknoolojii qonnaa (agronomic practices) barsiisuu fi leenjii ogummaa kennuun oomishtummaa qonnoonni keenya akka dabalu taasisuu irratti hojjata. Kunis Itoophiyaan qamadii biyya alaa irraa galchuu dhaabdee gara biyya alatti erguutti akka ceetu gochuuf Saayinsiin Biqiltootaa bu’uura cimaa ta’ee akka tajaajilu taasisa.
Qonnaan bulaan keenya dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu akka danda'u gochuuf seektarichi gahee olaanaa taphata. Saayinsii Biqiltootaa fayyadamuun sanyiiwwan hongee danda'an (drought-tolerant) qonnaan bulaa gahuu, barmaatilee qonnaa jijjiirama qilleensaatti madaqan (Climate Smart Agriculture) irratti leenjii bal'aa kennuu fi odeeffannoo haala qilleensaa yeroo (weather data) akka galuumsabiraanatti dhiyeessuun hojiiwwan ijoo seektara kanaati. Hojiileen kunneen hundi Saayinsii Biqiltootaa fi dandamannaa jijjiirama qilleensaa walitti hidhuun oomishtummaan qonnaa akka hin gufanne madaqsuu irratti xiyyeeffatu.
AFOLU Itoophiyaa seektara kana keessatti dhaabbilee mootummaa, qorannoo fi idil-addunyaa waliin hojjeta. Wal-ta'iinsi kun ragaa saayinsaawaa fi muuxannoo waliif daddabarsuun oomishtummaa fi itti fufiinsa cimsa.
"Sanyii Filatamaa, ogummaa fi deeggarsa ogeessaatiin, lafni keenya dhaloota boruu ni soora"
"With quality seeds and expert knowledge, Ethiopia’s land will sustain future generations."
Seektarri kun dhimmoota jireenya keenyaaf bu’uura ta’an kanneen akka lafaa, bishaan, biyyee, uffannaa bosonaa fi jireenya uumama adda addaa (biodiversity) hunda walitti qaba. AFOLU Itoophiyaan seektara kunuunsa qabeenya uumamaa kana keessatti akka wiirtuu beekumsaatti tajaajila. Kana jechuun, qorattoota dandeettii qaban, dhaabbilee mootummaa, hawaasa bu’uuraa fi deeggartoota idil-addunyaa gidduutti riqicha ta’uun, beekumsa jiru walitti qindeessa. Hojiin isaa inni guddaan, manca’iinsa qabeenya uumamaa Itoophiyaa keessatti mul’atu karaa saayinsaawaa ta’een dhaabsisuu qofa osoo hin taane, lafa manca’e deebisanii misoomsuun uumama biyya keenyaa bifa haaraan deebisanii haaromsuu irratti xiyyeeffata.
AFOLU Itoophiyaa, dhiqamiinsi biyyee fi maddi bishaanii gogaa dhufuun rakkoo nageenya nyaataa fi dinagdee keenyaa irratti yaaddoo ta’uu isaa gadi fageenyaan hubata. Rakkoo kana hiikuuf, saayinsii ammayyaa fi beekumsa dhalootaa isa waggoota hedduuf nu tajaajilaa ture walitti makuun furmaata waaraa uuma. Hojiin kun, muuxannoo gaggaarii bakka tokkotti milkaa’an qorannoodhaan adda baasee, gara bakka birootti ceessisuu irratti xiyyeeffata. Haala kanaan, qabeenya uumamaa keenya kunuunsuun, dhaloota boruutiif biyya magariisaa fi badhaatuu dhaalchisuuf hojii boonsaa hojjechaa jira.
🌍 EnglishThis sector encompasses the fundamental pillars of our existence: land, water, soil, forest cover, and the rich tapestry of biodiversity. AFOLU Ethiopia serves as a vital knowledge platform within this natural resource management landscape. It acts as a strategic bridge, fostering collaboration among expert researchers, government institutions, grassroots communities, and international partners. By synthesizing global and local expertise, the sector focuses on halting natural resource degradation across Ethiopia through scientific interventions, while actively restoring degraded landscapes to revitalize the country’s natural heritage.
AFOLU Ethiopia deeply recognizes that escalating soil erosion and the drying of water sources are critical threats to national food security and economic stability. To address these challenges, the sector creates sustainable s olutions by harmonizing modern scientific innovations with time-tested indigenous knowledge. Its work is centered on identifying successful best practices through rigorous research and facilitating the transfer of this knowledge from one region to another. Through these efforts, the sector is dedicated to conserving our natural wealth and ensuring a green, prosperous, and resilient legacy for future generations.
Seektarichi sulula gaarrenii hanga dirree bal'aatti, akkasumas humna hawaasaa hanga hoggansa mootummaatti utubaa jabaa uumuun, hojiiwwan ijoo jaha walitti hidhamiinsa amansiisaa fi qindoomina guutuun hogganee hojjeta..
Haaromsa Sulula Walga’aa jechuun lafa, bishaan, biyyee fi biqiltuu walitti qindeessanii misoomsuu jechuudha. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti hawaasa naannoo, hoggansa mootummaa fi ogeessota saayinsii riqicha tokkoon walitti fiduun, sulula (watershed) bifa waliinii fi ammayyaawaa ta'een akka bulchamu taasisa. Hojiin kun manca'iinsa biyyee ittisuu, haguuggii bosonaa dabaluu fi madda bishaanii jiran kunuunsuu irratti xiyyeeffata. Keessummaa bishaan haroo fi lagaa gadi-bu’aa jiru deebisanii ittisuun, jireenya uumamaa fi hawaasaa mirkaneessuuf tarkaanfii duraa fudhata.
Biyyeen naannoo ol-aanaa Itoophiyaa lolaa fi roobaan dhiqamaa jiraachuun qabeenya keenya irratti yaaddoo uumeera. AFOLU Itoophiyaan teeknoolojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii (SWC) haala naannootiin madaqsuun, hawaasa waliin ta'uun hojiirra oolcha. Hojiin kun dhiqamiinsa biyyee ittisuu qofa osoo hin taane, gabbina lafaa deebisuu fi ekoosistama guutuu misoomsuu irratti xiyyeeffata.
Qabeenya uumamaa kunuunsuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, bu’uura jireenya hawaasaa waan ta’eef abbummaa uummataa barbaada. AFOLU Itoophiyaan NRM tola-ooltummaa irraa gara itti-gaafatamummaa hojiitti ceesisuuf, dhaabbilee hawaasaa of-danda’an ijaaruu fi mirga itti-fayyadama qabeenyaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffata.
Jijjiiramni itti fayyadama lafaa kan akka manca’iinsa bosonaa, babal’ina lafa qonnaa fi guddina magaalotaa yeroo yeroon hordofamuu qaba. AFOLU Itoophiyaan teeknoolojii ammayyaa GIS fi Remote Sensing fayyadamuun, jijjiirama lafa biyyattii irratti mul’atu hordofuun ragaa qulqulluu fi gabaasa qorannoo irratti hundaa’e qopheessa.
Naannooleen goggogaa fi dirreen bal’aan Itoophiyaa keessumaa Afaar, Somaalee, fi Oromiyaa kibbaa bal’ina biyyattii keessaa qooda guddaa qabu. Haala qilleensaa jijjiiramuun lafti kun manca’uu fi loon dhabuun jireenya horsiisee bulaa irratti yaaddoo uumeera. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti bulchiinsa dirree ammayyeessuu fi haaromsa ekoosistema goggogaa irratti xiyyeeffatee hojjeta.
AFOLU Itoophiyaan akka wiirtuu beekumsaatti tajaajiluun bu’aalee qorannoo kunuunsa qabeenya uumamaa gara imaammata hojii qabatamaatti jijjiiruuf hojjeta. Leenjii, walgahiiwwan ogummaa, maxxansaalee teeknikaa fi waltajjii marii qopheessuun ogeessotaa fi hoggantoota murtii kennan gidduutti riqicha beekumsaa ijaara.
Sagantann Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy) milkaa'uuf biyyee gabbataa fi sulula bishaaniin guutame qabaachuun dirqama. Seektarri kunuunsa qabeenya uumamaa (NRM) biyyee tiksuuf hojiiwwan SWC hojjechuu, sulula bishaan haroo fi lagaatiin guutuu, fi biqiltuun dhaabame akka jiraatu mirkaneessuu irratti xiyyeeffachuun deeggarsa waaraa kenna. Biqiltuun dhaabaman gariin ijaarsa kunuunsa biyyee (SWC structures) irratti, gariin immoo lafa manca'e deebisanii misoomsuu irratti waan dhaabamaniif, NRMn bu'uura Green Legacy ti.
Sagantaan Daldala Kaarbonii gassiiwwan ho’ina qilleensaa fidan hir’isuuf bosona tiksuu irratti xiyyeeffatu, seektara kunuunsa qabeenya uumamaa (NRM) irratti baay’ee hirkata. Hordoffii itti fayyadama lafaa (LULC), qophii ragaa bosonaa fi hoggansa bosona hawaasaa dabalatee hojiileen NRM hundi milkaa’ina Daldala Kaarbonii tiif bu’uuradha. Seektarri NRM sagantaa Daldala Kaarbonii tiif ragaa qabatamaa, kaartaa dhiyeessuu fi hordoffii saayinsaawaa gochuun gahee murteessaa taphata.
Kunuunsi qabeenya uumamaa (NRM) bu'uura dandamannaa jijjiirama qilleensaati. Sulula haaromsuu, bosona tiksuu fi bishaan Kunuunsi qabeenya uumamaa (NRM) bu'uura dandamannaa jijjiirama qilleensaati. Sulula haaromsuu, bosona tiksuu fi bishaan haala ammayyaawaan bulchuun hawaasni fi ekoosistamni dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu akka danda'an gargaara. Seektarichi madaqiinsa uumama irratti hundaa’e (Ecosystem-based Adaptation - EbA) hojiirra oolchuun sagantaa dandamannaa jijjiirama qilleensaa keessatti xiyyeeffannoo olaanaa kenna. haala ammayyaawaan bulchuun hawaasni fi ekoosistamni dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu akka danda'an gargaara. Seektarichi madaqiinsa uumama irratti hundaa’e (Ecosystem-based Adaptation - EbA) hojiirra oolchuun sagantaa dandamannaa jijjiirama qilleensaa keessatti xiyyeeffannoo olaanaa kenna.
"Bishaan yeroo dhugnu qofa yaadanna, garuu yoo dhabne eenyummaa keenya waliin dhabna. Laga, haroo fi sulula keenya kunuunsuun itti gaafatamummaa dhaloota har'aati.."
"We only notice water when we drink it, but losing it means losing everything. Protecting our rivers, lakes, and watersheds is the defining responsibility of our generation."
Agroforestirii jechuun muka, midhaan callaa fi horsiisee lafa tokkorra walitti makuun hojiirra oolchuudha. Sirni kun oomishtummaa qonnaa guddisuun, biyyee fi bishaan tiksuun, fi kaarboonii kuusuun naannoo fooyyessuu keessatti bu’aa sadii tokkotti argamsiisa. Itoophiyaa keessatti sirni Agroforestirii aadaa irraa kaasee beekamaa ta’us, saayinsiin ammoo sirnicha cimsuudhaan fayidaa isaa caalaatti ol guddisuu danda'a.
AFOLU Itoophiyaa seektara kana keessatti ragaa qorannoo fi muuxannoo dirree walitti fidee, sirnoota agroforestirii naannoolee haala qilleensaa Itoophiyaa garaagaraatti madaqan qorachuu fi babal’isuuf hojjeta. Mana qonnaan bulaa xiqqaa irraa hanga lafa bal’aatti, sirna agroforestirii bu’aa qabeessa ta’e qopheessuuf hawaasa, qorattoota fi ogeessota waliin qindoominaan hojjeta. .
🌍 EnglishAgroforestry is the strategic integration of trees, crops, and livestock on the same land to create a sustainable farming ecosystem. This unique system delivers a triple win by boosting agricultural productivity, conserving soil and water, and improving the environment through carbon sequestration. While agroforestry has deep traditional roots in Ethiopia, modern science plays a vital role in strengthening these practices to maximize their benefits.
Within this sector, AFOLU Ethiopia works to bridge the gap between research evidence and field experience. We focus on identifying and scaling agroforestry systems tailored to Ethiopia’s diverse agroecological zones. From smallholder farms to large landscapes, we collaborate with communities, researchers, and experts to develop effective agroforestry solutions that ensure a resilient and prosperous future.
Sirni Agroforestirii bu'aa sadii tokkotti argamsiisa isaanis bu'aa diinagdee, bu'aa naannoo fi bu'aa hawaasaati. Kanneen walitti hidhamanii hojjetamu.
Hojiwwan ijoo ja’an seektara Agroforestirii keessatti AFOLU Itoophiyaan xiyyeeffannoo itti kennu, qophii karooraa irraa hanga mirkaneessa bu'aatti haala armaan gadiin kan dhiyaataniidha:
Sirni Agroforestirii milkaa'aan hundee isaa kan godhatu qorannoo lafaa, fedhii hawaasaa fi kaayyoo qabatamaa irratti. AFOLU Itoophiyaan qonnaan bulaa, hoggansa mootummaa fi ogeessota saayinsii gidduutti hadheessummaa ijaaruun, sirna haala qilleensaa fi dachee naannoo tokkootti madaqe qindoominaan karoorsa. Hirmaannaan qonnaan bulaa jalqaba karooraa irraa eegalee mirkanaa'uun isaa, itti fufiinsa misoomaa fi abbummaa hawaasaa mirkaneessuuf furtuudha.
Muka baay’isuu, buufata biqiltuu (nursery) ammayyeessuu fi sanyiiwwan madaqoo ta’an qonnaan bulaaf dhiyeessuun bu’uura sirna qonna walmakaati. AFOLU Itoophiyaan mukkeen bu’aa hedduu qaban kanneen akka firiilee, qoricha aadaa, mi’eessituuwwan, madda dheedichaa fi mukkeen bosonaa irratti qorannoo gadi fageenyaa gaggeessa. Akkasumas, wiirtuulee biqiltuu hawaasaa ijaaruu fi hoggansa isaanii gabbisuun qulqullina biqiltuuwwan dhaabbatan ni mirkaneessa.
Mukkeen sirna qonnaa keessatti makuun gabbina biyyee fooyyessuu, oomishtummaa midhaanii dabaluu fi looniif madda dheedichaa amansiisaa uumuuf furmaata hundagaleessaadha. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti sirnoota qonna walmakaa haala qilleensaa naannolee garaagaraatiin madaqsuun hojiirra oolcha. Isaanis qindoomina muka fi midhaanii (Agrisilviculture), muka fi horsiisee (Silvopastoral), akkasumas qindoomina hunda-galeessa kan muka, midhaanii fi loonii (Agrosilvopastoral) irratti xiyyeeffatu.
Agroforestirii babal'isuuf beekumsi teeknikaa qonnaan bulaa bira ga'uun furtuu milkaa'inaati. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti Mana Barumsaa Dirree Qonnaan Bulaa (Farmer Field Schools), bakkeewwan agarsiisaa qabatamaa (demonstration plots), fi sirna barumsa qonnaan bulaa irraa gara qonnaan bulaatti ce'u (farmer-to-farmer learning) ni gaggeessa. Muuxannoo gaggaarii naannoo tokkoo gara naannoo biraatti daddabarsuuf waltajjiiwwan marii biyyaalessaa ni qopheessa.
Sirni Agroforestirii kaarboonii lafa keessatti fi muka keessatti kuusuu irratti humna olaanaa qaba. Humna kana qorannoon mirkaneessuu, madaaluu fi gabaasuun milkaa'ina sagantaalee jijjiirama qilleensaatiif furtuudha. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti madaallii kuusaa kaarboonii (carbon stock assessment), sirna hordoffii mirkaneessaa (MRV) fi gabaasa kaffaltii Daldala Kaarbonii irratti xiyyeeffatee hojjeta.
Sirni Agroforestirii bu’aa baay’ee kanneen akka firiilee, qoraan, aannan, damma fi qoricha aadaa fida. Haa ta’u malee, oomishni kun bu’aa diinagdee amansiisaa qonnaan bulaaf argamsiisuuf, sirna walitti hidhiinsa gabaa (value chain) jabaa barbaada. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti qonnaan bulaan oomisha isaa gara gabaatti geessisee gatii madaalawaa akka argatu gargaaruuf xiyyeeffannoodhaan hojjeta.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy) biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuun milkaa’uuf, seektara Agroforestirii irratti gadi fageenyaan hirkata. Biqiltuuwwan firiilee (dhibbeentaa 5 hanga 10) fi mukkeen bosonaa (dhibbeentaa 90 hanga 95) walitti makuun lafa tokko irratti dhaabuun, hojiirra oolmaa sirna Agroforestirii isa dhugaati. AFOLU Itoophiyaan sanyiiwwan mukkeetii madaqoo ta’an filachuu, sirna dhaabbi ammayyaa irratti murtii ogummaa kennuu fi biqiltuun dhaabbate akka jiraatu mirkaneessuuf deeggarsa saayinsaawaa kenna.
Sirni Agroforestirii daldala kaarboonii lafaa fi muka keessatti kuusuu irratti humna olaanaa waan qabuuf, sagantaa Daldala Kaarbonii fi daldala kaarboonii irraa kaffaltii argachuuf bu’uura cimaa ta’a. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti hojiilee herreega daldala kaarboonii (carbon accounting), sirna hordoffii mirkaneessaa (MRV) dhaabuu fi kaffaltii daldala kaarboonii qonnaan bulaa biraan gahuu irratti xiyyeeffatee hojjeta. Haala kanaan, qonnaan bulaan qabeenya uumamaa tiksuun galii dabalataa akka argatu carraa bal’aa uuma.
Agroforestiriin madaqiinsa uumama irratti hundaa’e (Ecosystem-based Adaptation - EbA) jabeessuu keessatti furtuu olaanaadha. Sirni mukkeen, callaa midhaanii fi horsiisee walitti maku kun biyyee tiksuu, bishaan qusachuu fi haala qilleensaa naannoo (micro-climate) fooyyessuun qonnaan bulaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu akka danda’u gargaara. Xiyyeeffannoon seektara kanaa sirnoota qonna walmakaa hongee fi ho’a jabaa danda’an (drought-tolerant & heat-resistant) babal’isuu irratti diriira.
"Muka tokko dhaabuu jechuun boru biqiltuu arguu qofa miti; biyyee tiksuu, bishaan qabsiisuu, kaarboonii kuusuu fi dhaloota dhufuuf qabeenya dhaaluudha."
"Planting one tree is not just about seeing a seedling tomorrow; it is about protecting the soil, holding the water, sequestering carbon, and bequeathing a living inheritance to the generations that follow."
Itoophiyaan baay’ina beelladaatiin Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti argamti. Loon, re'ee, hoolaa, harree, gaangee, gaalaa fi kkf walumaagala baay’inni isaanii miliyoona 70 ol ta’us, oomishtummaan aannanii, foonii, gogaa fi hanqaaquu biyyoota biroo waliin yoo madaalamu baay’ee gadi aanaadha. Rakkooleen ijoo akka dhibee, hanqina nyaata qulqulluu, sanyii gadi aanaa fi hoggansa ammayyaa dhabuun guddina seektara kanaa gufachiisaa jiru.
AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti wiirtuu beekumsaa ta’uun hojjeta. Qorattoota, ogeessota fayyaa beelladaa (veterinarians), hojjettoota ekisteenshinii fi horsiisee bultoota gidduutti riqicha beekumsaa ijaara. Ragaalee saayinsaawaa walitti fiduun oomishtummaa guddisuu, wal madaallii uumamaa tiksuu fi wabii nyaataa dabalatee badhaadhina dinagdee hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjeta.
🌍 EnglishEthiopia possesses the largest livestock population in Africa, with over 70 million head of cattle, goats, sheep, donkeys, mules, camels, and poultry. However, the productivity of essential commodities such as milk, meat, hides, and eggs remains significantly low compared to global standards. The primary challenges hindering this sector include disease outbreaks, inadequate quality feed, inferior genetic breeds, and a lack of modern management systems.
AFOLU Ethiopia serves as a vital knowledge platform in this sector. We bridge the gap between researchers, veterinarians, extension workers, and livestock producers by synthesizing data and expertise. AFOLU Ethiopia is working to enhance productivity and preserve the ecological balance, thereby ensuring food security and sustainable economic prosperity for the community.
AFOLU Itoophiyaan seektara Saayinsii Beelladootaa keessatti hojiwwan ijoo jahatti xiyyeeffachuun sanyii fooyyeessuu irraa hanga gabaatti, fayyaa irraa hanga ekoosistema tiksuutti haala qindaa'een hojjeta.
Sanyiin beelladaa Itoophiyaa baay’een naannoo jireenyaa isaanii waliin haala dinqisiisaan madaqaniiru. Haa ta’u malee, oomishtummaan isaanii gadi aanaa ta’uun qabeenya kana irraa bu’aa madaalawaa argachuun akka danda'amne gufuu ta’eera. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti sanyiiwwan oomishtummaa fooyya’aa qaban fi sanyiiwwan dhalootaa dandeettii madaqamaa olaanaa qaban walitti makuun oomisha guddisuu fi madda dhaalmayaa beelladoota biyyattii tiksuu irratti xiyyeeffannoon hojjeta. AFOLU Itoophiyaa Kaayyoon isaa inni guddaan qorannoo saayinsaawaa, ogeessota fayyaa beelladaa fi horsiisee bultoota gidduutti riqicha ijaaruun oomishtummaa beelladaa guddisuudha. Haala kanaan, sanyiiwwan dhalootaa madaqoo ta’an tiksuu fi sanyiiwwan fooyya’an babal’isuun wabii nyaataa fi badhaadhina dinagdee hawaasaa mirkaneessa.
Beelladoonni nyaata gahaa fi qulqullina qabu dhabuun oomishtummaa loonii irratti gufuu guddaa uumeera. Hanqinni lafa dheedumsaa fi soorata madaalawaa dhibee beelladaa dabaluu dabalatee, galii horsiisee bulaa gadi buusa. AFOLU Itoophiyaan rakkoolee walitti hidhamoo kana hiikuuf sirna soorata beelladaa kan bonaa fi gannaa fooyyessuu irratti qorannoo fi leenjii ogummaa kenna.
Dhibeewwan beelladootaa kanneen akka dhibee kofee fi afaanii (Foot & Mouth Disease), ayibaat (Anthrax), xannachaa (Trypanosomiasis), dhibee lukkuu (Newcastle) fi kanneen biroo oomishtummaa beelladaa hir’isuu keessatti balaa guddaa uumaa jiru. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti dhibee ittisuu, to’achuu fi fayyaa beelladootaa jabeessuu irratti qorannoo fi beekumsa ogummaa walitti fiduun hojjeta.
Baay’inni beelladaa dabalaa dhufuun lafa dheedumsaa ykn dirree irratti dhibbaa uumuun manca’iinsa naannootiif sababa ta’aa jira. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti bulchiinsa dirree ammayyeessuu, mala dheedumsaa jijjiiruu fi haaromsa ekoosistamaa irratti xiyyeeffannoodhaan hojjeta. Seektarichi Bulchiinsa Qabeenya Uumamaa (NRM) waliin qindoomuun dirreen dheedumsaa dandeettii of-haaromsuu akka qabaatu mirkaneessa.
Horsiisee bultoonni oomisha isaanii gabaatti dhiyeessanii gatii madaalawaa argachuuf giddu-galeessummaa daldaltootaatiin dhibbaan irratti uumamaa jira. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti adeemsa misoomaa oomisha irraa hanga gabaa addunyaatti jiru xiinxaluun, rakkoolee qonnaan bulaa gufachiisan adda baasee furmaata waaraa kennuu irratti hojjeta.
Horsiisa beelladaa ammayyeessuun namoota beekumsa saayinsaawaa fi teeknoolojii ammayyaa qaban barbaada. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti ogeessota fayyaa beelladaa (veterinary, Animal Science), hojjettoota ekisteenshinii, dargaggootaa fi horsiisee bultootaaf leenjii ogummaa fi waltajjiiwwan marii sadarkaa biyyaalessaa fi naannootti qopheessuu irratti xiyyeeffata.
AFOLU Itoophiyaa adeemsa misooma beelladaa guutuu oomisha irraa hanga gabaa xummuraatti jiru gadi fageenyaan xiinxaluun rakkoolee uummamanii fi uummamuu dandahan hunda adda baasee furmaata amansiisaa kennuu irratti xiyyeeffannoodhaan hojjeta.
Inisheetiviin Faaya (Yelemat Tirufat) misooma beelladaa ammayyeessuun oomishtummaa foonii, aannanii, hanqaaquu fi dammaa guddisuu irratti argannoo guddaa galmeessiseera. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti ragaa teeknikaa, leenjii fi qorannoo inisheetivii kanaaf dhiyeessuun, oomishni tokkoon tokoo irraa argamu akka guddatuuf deeggarsa ogummaa ni kenna.
Nyaata madaalawaa kanneen akka aannanii, hanqaaquu, foonii fi dammaa dhiyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. AFOLU Itoophiyaan sirna nyaataa qindaa’aa jechuun midhaan callaa qofa osoo hin taane oomisha beelladaa dabalata godhate irratti xiyyeeffachuun hawaasaaf nyaata gahaa fi gabbataa mirkaneessuuf hojjeta.
AFOLU Itoophiyaan seektara Saayinsii Beelladootaa keessatti wiirtuu beekumsaa ta’uun horsiisa beelladaa ammayyeessuu fi jijjiirama qilleensaa waliin madaaksuuf hojjeta. Xiyyeeffannoon isaa inni guddaan hoggansa beelladaa ammayyaa (Climate Smart Livestock Management) babal’isuudhaan, jireenya horsiisee bulaa dhiibbaa qilleensaa irraa eeguu fi oomishtummaa waaraa mirkaneessuudha.
"Baay'inni loon keenyaa Afrikaa hunda caala; garuu soorata, fayyaa fi beekumsa yoo argatan oomishtummaan isaaniis hunda caaluu danda'a. Beelladoonni utubaa dinagdee keenyaa qofa osoo hin taane, wabii nyaataa fi jireenya hawaasa keenyaati."
"Our livestock outnumber all of Africa; but with the right nutrition, health care, and knowledge, their productivity can match that abundance. Livestock is not just our economy; it is the foundation of our food security and rural way of life."
Misooma baadiyyaa fi tajaajilli ekisteenshinii riqicha beekumsa teeknikaa fi hojii qonnaan bulaa gidduu jiru guutuun murteessaadha. Qorannoon gaariin ykn teeknoolojiin ammayyaa jiraatus, hanga qonnaan bulaa bira hin gahinitti jijjiirama fiduu hin danda'u. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti hanqina qaqqabummaa teeknoolojii hiikuu irratti xiyyeeffannoodhaan hojjeta.
Seektarichi beekumsa teeknikaa, carraa gabaa, tajaajila faayinaansii fi meeshaalee ammayyaa qonnaan bulaa baadiyyaa biraan gahuu mirkaneessuuf tattaafata. Kaayyoon isaa inni hangafaa, hawaasni baadiyyaa oomishtummaa akka guddisu, jireenya isaa akka fooyyessu fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf beekumsa fi dandeettii isa barbaachisu harka isaa akka gahu gochuudha.
🌍 EnglishRural development and extension services serve as the vital link between technical knowledge and the farmer's field. While high-quality research and modern technology exist, they cannot drive impact unless they reach the hands of the farmer. AFOLU Ethiopia focuses on bridging this gap to ensure that scientific innovations translate into real-world change.
The sector works to ensure that technical expertise, market opportunities, financial services, and modern tools are accessible to rural communities. The goal is clear: to empower rural households to increase productivity, improve their quality of life, and build the knowledge and skills necessary to remain resilient in the face of a changing climate.
AFOLU Itoophiyaa seektara Misoomaa Baadiyyaa keessatti hojiwwan ijoo jaharratti xiyyeeffatee beekumsaa irraa hanga gabaa tti, leenjii irraa hanga jireenya fooyyeessuu tti hojjata.
Wiirtuuleen Leenjii Qotee Bulaa (FTC) Itoophiyaa sadarkaa hojmaata isaanii Sadarkaa Bu'uura-duraa hanga sadarkaa olaanatti (Pre-basic to Advanced) irratti hundaa'uun yeroo ammaa dandeettii garaagaraa qabu. Qorannoon akka agarsiisutti, wiirtuulee hunda keessaa dhibbeentaan 70 ol ta'an tajaajila barbaachisu kennuuf hojmaata keessoo, gahuumsa teeknolojii fi meeshaalee leenjii gahaa kan hin qabne yoo tahu, kanneen tajaajila foyya'aa kennan dhibbeentaa 30 qofa dha. Gabaasa qorannoo kana irratti hundaahuun, AFOLU Itoophiyaan wiirtuulee kana sadarkaa hojmaataa foyyessuun, bakkeewwan agarsiisaa teeknoolojii uumuu fi dandeettii ogeessotaa guddisuun qonnaan bulaaf tajaajila fooyya'aa akka kennan deeggaruun hojjeta.
Muuxannoo qotee bulaa milkaa’aa tokko irraa barachuun hunda caalaa amansiisaa fi bu’aa-qabeessa. AFOLU Ethiopia qonnaan bultoota muuxannoo qaban adda baasuun leenjii dabalataa kennaaf, akka isaan naannoo isaaniitti barsiisota ta’anii hojjetan jabeessa. Sirni kun beekumsa saffisaan babal’isuu fi itti fufiinsa misoomaa mirkaneessuuf furtuudha.
Dubartiin qonna Itoophiyaa keessatti utubaa jireenyaa ta’us, carraa leenjii, tajaajila liqii fi qaqqabummaa gabaa irratti dhiibbaan hirkattummaa isaan muudachaa jira. AFOLU Ethiopia seektara misooma baadiyyaa keessatti dubartootaa fi dargaggoota giddu-galeessa godhachuun, hirmaannaa isaanii mirkaneessuu fi dandeettii isaanii gabbisuu irratti dursa kennee hojjeta.
Qonnaan bulaan keenya harka caalaan oomisha isaa kallaattiin gabaatti dhiyeessuu dhabuun, jiddu-galeessotaan bu’aan isaa saamamaa jira. AFOLU Ethiopia rakkoo kana hiikuuf qonnaan bulaa fi gabaa gidduutti riqicha kallaattii ijaaruu fi adeemsa oomishaa irraa hanga gurgurtaatti (value chain) jiru fooyyessuu irratti xiyyeeffannoodhaan hojjeta.
Teeknoolojiin dijitaalaa kanneen akka bilbila harkaa, raadiyoo, viidiyoo fi pilaatfoormii onlaayinii tajaajila gorsa qonnaa bifa haaraa fi saffisa ta’een qonnaan bulaa bira akka gahuu danda'an waantota taasisan keessaa isaan ijoodha. AFOLU Ethiopian meeshaalee dijitaalaa tajaajila ekisteenshinii kanneen hojiirra oolchuudhaan, naannoolee tajaajilli eksteeshinii hin dhaqqabnee fi fagoo ta'an dabalatee beekumsi qonnaa akka qaqqabuf hojjeta.
Qonnaan bulaan galteewwan qonnaa kanneen akka sanyii filatamaa, qoricha fi meeshaalee ammayyaa bitachuuf liqii fi tajaajila faayinaansii amansiisaa barbaada. Haa ta’u malee, baankonni fi dhaabbileen maayikiroofaayinaansii naannoolee baadiyyaa hunda dhaqqabuu irratti hanqina qabu. AFOLU Ethiopian rakkoo kana hiikuuf qonnaan bulaan tajaajila faayinaansii salphaatti argachuu akka danda’uuf sirna deeggarsaa diriirsuu irratti xiyyeeffannoon hojjeta.
AFOLU Itoophiyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy) akka riqicha misooma baadiyyaa itti fufiinsa qabuutti fayyadamuun, dandeettii dandamannaa jijjiirama qilleensaa fi oomishtummaa qonnaa mirkaneessuuf hojjeta. Sagantaan kun biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuun haguuggii bosona biyyattii dhibbeentaa 17.2 irraa gara 23.6tti guddisuu qofa osoo hin taane, lammilee miliyoona 1.5 ol ta'aniif carraa hojii magariisaa uumeera. AFOLU Itoophiyaan wiirtuulee leenjii qotee bulaa (FTCs) keessatti leenjii dhaabbii fi kunuunsa biqiltuuwwan firiilee, nyaata beelladaa fi sanyiiwwan aadaa irratti xiyyeeffatan kennuun, ashaaraa magariisaa gara madda galii fi wabii nyaataa maatiitti jijjiira. Akkasumas, kuusaa kaarboonii (carbon sequestration) ashaaraa kanaan uumamu madaaluu fi gabaasuun, qonnaan bulaan kaffaltii gabaa kaarboonii irraa argamuun galii dabalataa akka argatu taasisa. Walumaagala, Ashaaraa Magariisaa misooma baadiyyaa waliin qindeeffame kun dhaloota boruutiif dachee magariisaa, bishaan qusatamaa fi dinagdee utubamaa dhaalchisuuf utubaa dha.
Inisheetiviiwwan biyyaalessaa gurguddoon kanneen akka Qamadii, Faaya, fi Bulee milkaa’uuf tajaajilli ekisteenshinii bu’uura murteessaadha. AFOLU Ethiopia seektara kana keessatti wiirtuu beekumsaa ta’uun, qonnaan bulaan sanyiiwwan ammayyaa akka argatu, teeknoolojii jallisii ammayyaa hojiirra akka oolchu, fi oomisha isaa kallaattiin gabaatti akka geessu deeggarsa ogummaa fi leenjii kennuun oomishtummaa guddisa. Kaayyoon AFOLU Ethiopia inisheetiviiwwan kanneen qorannoo saayinsaawaa fi muuxannoo dirree waliin walitti fiduun, qonnaan bulaan mala oomishaa ammayyaatti fayyadamee wabii nyaataa isaa akka mirkaneeffatu gochuudha. Hojiin keenya tajaajila ekisteenshinii diijitaaleessuu, ijaarsa dandeettii qotee bultootaa gabbisuu fi walitti hidhiinsa gabaa haqa qabu uumuun, baadiyyaa Itoophiyaa madda dinagdee dorgomaa fi dandamannaa jijjiirama qilleensaa qabu taasisuu irratti xiyyeeffata.
Qonnaan bulaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf teeknoolojiiwwan Qonna Qilleensa-Madaqoo (Climate-Smart Agriculture (CSA)) barachuu qofa osoo hin taane, qabatamaan hojiirra oolchuun murteessaadha. AFOLU Ethiopia seektara kana keessatti akka riqichaatti tajaajiluun, barsiifata CSA kanneen akka sanyiiwwan hongee dandamatan, mala bishaan kuufachuu fi qonna kunuunsa biyyee irratti xiyyeeffatan qonnaan bulaa biraan gahuuf giddu-galeessa ta’ee hojjeta. Kaayyoon keenya inisheetiviiwwan dandamannaa qilleensaa qorannoo saayinsaawaa fi muuxannoo dirree waliin walitti fiduun, qonnaan bulaan mala oomishaa jijjiirama qilleensaatti madaqu fayyadamee wabii nyaataa isaa akka mirkaneeffatu gochuudha. Hojiin AFOLU Ethiopia tajaajila ekisteenshinii ammayyeessuu fi ijaarsa dandeettii qotee bultootaa gabbisuun, baadiyyaa Itoophiyaa naannoo dhiibbaa qilleensaa dorgomuu fi dinagdee utubamaa qabu taasisuu irratti xiyyeeffata.
"Qotee bulaan keenya yoo beekumsaan ijaarame, meeshaan deeggaramee fi gabaa haqa qabuun walitti hidhame, baadiyyaan Itoophiyaa badhaadhina haaraatti ceeti. Beekumsi nama tokkoo yoo gara hawaasaatti babal'ate, gandi guutuun waliin tarkaanfata; badhaadhinnis qe'ee hundatti dhalata."
"Empowering a farmer with knowledge, tools, and market access is the key to transforming Ethiopia's rural heartland. When one individual lights the way for their community, the entire village rises into a future of shared prosperity."
Agiroo-Ekonomiksiin utubaa xiinxalaa fi tarsiimoo AFOLU Itoophiyaan misooma foncaa gatii (value chain), hojmaata gabaa fi qophii imaammataatiif itti fayyadamu yoo ta'u, murtii qonnaa fi qabeenya uumamaa irratti bu'uura diinagdee kenna. Seektarichi gaaffiiwwan akka maaltu oomishtummaa guddisa, maaltu qonnaan bulaa hiyyomsa, gabaan akkamitti hojjeta, imaammatni kamtu bu'a qabeessa dha jedhan xiinxala diinagdeen deebisuun, sochoostota diinagdee fi gufuuwwan murtee qonnaa irratti dhiibbaa uuman gadi fageenyaan qoratuun barsiifata misooma waaraa babal'isuuf sirna kaka'umsa qabatamaa diriirsa.
Itoophiyaa keessatti seektarri qonnaa harka caalaan maatii qotee bultoota xixiqqoo, lafa hektaara lamaa gadi qaban, irratti kan hundaa'e yoo ta'u, gabaan ciccitee argamuu, tajaajila faayinaansii hanqachuu fi kishaaraa oomishaa boodaa olaanaadhaan rakkata. AFOLU Itoophiyaan rakkoolee caasaa kanneen furuuf, xiinxala foncaa gatii qindaa'aa, misooma sirna gabaa fi falmii imaammata qonnaa ragaa qabatamaa irratti hundaa'e walitti makuun dhiyeessuun, badhaadhina baadiyyaa fi itti fufiinsa naannoo mirkaneessa.
🌍 EnglishAgro-economics serves as the analytical and strategic foundation of AFOLU Ethiopia, supporting value chain development, market systems, and policy design while providing the economic basis for decisions on agriculture and natural resources. The sector uses economic analysis to answer critical questions such as what drives productivity, what deepens farmer poverty, how markets function, and which policies are most effective. By rigorously examining the economic drivers and constraints that shape agricultural decision-making, it establishes a concrete incentive system that promotes the widespread adoption of sustainable development practices.
In Ethiopia, the agricultural sector is predominantly composed of smallholder farming households cultivating less than two hectares of land, and is constrained by fragmented markets, limited access to financial services, and significant post-harvest losses. To address these structural challenges, AFOLU Ethiopia delivers an integrated approach that combines targeted value chain analysis, market systems development, and evidence-based agricultural policy advocacy, thereby ensuring rural prosperity and environmental sustainability.
AFOLU Itoophiyaan seektara Agiroo-Ekonomiksii keessatti hojiiwwan ijoo jaha (6) irratti xiyyeeffata. Hojiiwwan kunneen xiinxala gabaa irraa kaasee hanga qophii imaammataatti, foncaa gatii (value chain) irraa kaasee hanga tajaajila ekosisteemii (ecosystem services) tti, walitti hidhamiinsaan hojjetamu. Karaa kanaan, seektarichi furmaata bal'aa fi ragaa qabatamaa irratti hundaa'e dhiyeessuun, misooma waaraa baadiyyaa Itoophiyaa mirkaneessuuf hojjeta.
Foncaa gatii (value chain) keessatti, oomisha irraa kaasee hanga buufata nyaataa fayyadamtootaa ga'utti, eenyutu hangam bu'aa argataa jira? Cabiinsi gatii eessatti uumama? Gufuuwwan ijoon eessa jiru? AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti foncaalee gatii murteessoo, buna, qamadii, kuduraa fi muduraa, akkasumas beeyladaa, gadi fageenyaan xiinxaluun, rakkoolee adda baasee furmaata qabatamaa dhiyeessuu irratti hojjeta.
Gabaan qonnaa Itoophiyaa addaan citee kan argamu yoo ta'u, odeeffannoon gabaa hin jiru, sirni geejjibaa fi logistiksii gahaa hin ta'u, qotee bultoonnis gatii oomisha isaaniitiif sirrii ta'e hin argatan. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti sirna gabaa qonnaa gadi fageenyaan xiinxaluun rakkoolee ijoo adda baasee furmaata qabatamaa kennuu fi sirni gabaa fooyya'aa, iftoomina qabuu fi hunda fayyadu akka diriiru taasisuu irratti ogummaan ni deegara.
Imaammanni qonnaa, kan akka gatii oomishaa, alergii fi alaagalchii (import/export), tajaajila liqii, akkasumas haala abbummaa lafaa, jireenya qotee bultootaaf murteessaa dha. Haa ta'u malee, imaammanni baay'een ragaa qabatamaa fi qorannoo saayinsaawaa irratti hundaa'ee qophaa'uu irratti hanqinatu muuldhata. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti ragaa qorannoo cimaa qaamolee imaammata baasaniif dhiyeessuun imaammanni qonnaa sirrii, hojiirra ooluu danda'uu fi hunda fayyadu akka qophaa'u taasisuuf hojjata.
Qotee bultoonni invastimantii qonnaa, kan akka sanyii fooyya'aa, xaa'oo, qoricha biqilootaa fi teeknooloojii ammayyaa, gochuuf liqii fi tajaajila faayinaansii barbaadu. Haa ta'u malee, dhaabbileen baankii fi liqii naannoolee baadiyyaatti gahaadhaan kan hin diriirre yoo ta'u, qotee bultoonni xixiqqoonis tajaajila faayinaansii argachuu hin danda'an. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti qotee bultoonni tajaajila faayinaansii salphaatti akkamitti argachuu akka dandahan fi carraawwani fi rakkoolee muudachuu dandahan adda baasuf qoroannoo ogummaa ni gaggeessa. Kana malees qonnaan bultootaafis leenjii barbaachisaa tahe ni kennuu irratti ni hojjata.
Bosonni, sululli fi biyyeen tajaajila diinagdee gosa adda addaa kan salphaatti lakkaa'amuu hin dandeenye dhala namaaf kennu, kan akka qulqullina bishaanii, kuusaa kaarboonii dhabamsiisuu (CO₂ sequestration), eegumsa lubbu-qabeeyyii bal'aa (biodiversity) fi dandeettii dandamachuu jijjiirama qilleensaa. Haa ta'u malee, tajaajilonni kunneen "tola" akka jiranitti waan ilaalamaniif, gatiin isaanii dhugaa diinagdee biyyaa keessatti hin galmoofne. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti tajaajilawwan ekoosistemaa madaaluun, sirna kaffaltii fi badhaasaa diriirsuun bu'aan isaa qotee bultoota fi hawaasa naannoo akka ga'u taasisu irratti ni hojjata.
Itoophiyaa keessatti oomisha qonnaa keessaa harki 30% ol erga oomishamee booda ni bada, kunis kuusaa irratti, geejjiba keessatti, akkasumas gabaa irra osoo hin ga'in dura. Kishaaraa kana hir'isuun qotee bultootaaf galii dabalataa argamsiisuu, wabii nyaataa biyyaalessaa cimsuu fi sharafa biyya alaa baasifachuu danda'a. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti furmaata diinagdee qabatamaa fi teeknooloojii ammayyaa irratti hundaa'e dhiyeessuun, qotee bultoonni oomisha isaanii qabatamaa hir'isaniif gatii dabalata akka argatan taasisa.
Inisheetiviiwwan wabii nyaataa biyyaalessaa, kanneen akka Qamadii, Bulee fi Faayaa, milkaa'ina argamsiisuuf ragaan diinagdee bu'uura murteessaadha. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti oomishtummaan akka dabalu, galiin qotee bultootaa akka fooyya'u, kishaaraan oomishaa boodaa akka hir'atu fi qotee bultoonni gabaa waliin akka walitti hidhaman taasisuuf xiinxala diinagdee fi gorsa qabatamaa kennuu irratti hojjeta. Oomishtummaa ol kaasuun qofti ga'aa miti, oomishni dabalataan argamu galii qabatamaa fi bu'aa diinagdee qotee bulaaf akka argamsiisu mirkaneessuun barbaachisaadha.
Sirni Daldala Kaarbonii fi tajaajila ekoosistemaa irraa kaffaltii argamsiisuu, kan akka Kaffaltii Tajaajila Ekoosistemaa (PES) fi daldala kaarboonii (carbon credits), bu'uura diinagdee cimaa fi tooftaa madaaluu saayinsaawaa barbaada. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti herrega daldala kaarboonii (carbon accounting), tooftaa madaalaa gatii (valuation methodology) fi sirna daldala (market mechanism) qopheessuun, qotee bultoonni fi hawaasni naannoo qabeenya uumamaa tiksuun galii qabatamaa akka argatan mirkaneessuu irratti hojjeta.
Jijjiiramni qilleensaa diinagdee qonnaa irratti dhiibbaa olaanaa qaba, kunis oomishtummaa hir'isuu, gatii oomishaalee dabaluu fi jireenya qotee bultootaa miidhuun mul'ata. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti maddoota faayinaansii jijjiirama qilleensaa, kanneen akka Adaptation Fund, Green Climate Fund (GCF) fi Least Developed Countries Fund (LDCF), qotee bultoota fi mootummaa biraan akka ga'an haala mijeessuu irratti hojjeta. Akkasumas, invastimantii dandamannaa jijjiirama qilleensaaf bu'aa diinagdee qabu (economic case for adaptation investment) ragaa qabatamaa irratti hundeessee maddisiisuun, gama kanaan murteesirriin akka kennaman taasisa.
"Qotee bulaan abbaa oomishaa qofa osoo hin taane, abbaa bu'aa isaa ta'uun mirga isaa ti. Dafqa cophsee dachee irratti dhangalaase, gatii qajeelaa argachuu fi gabaa haqa qabu bira ga'uu qaba. Diinagdeen qonnaa yoo ragaa, qixxummaa fi tika uumamaa irratti hundaa'e malee, qonnaan bulaan badhaadhina hin argatu, dacheenis hin tikfamtu."
"A farmer is not merely a producer, but the rightful owner of what they grow. The sweat that nourishes the soil deserves a fair return and access to just markets. Only when agricultural economics is rooted in evidence, equity, and ecological care can the farmer prosper and the land endure."
Bosonni Itoophiyaa, gosa garaa garaa kan bosona Afromontane lafa olka'aa irraa kaasee hanga bosona goggogaa naannoolee gad-aanootti babal'ate, qabeenya uumamaa biyyattii keessaa kan baay'ee gatii guddaa qabu yoo ta'u, tajaajila ekoosistemaa murteessaa kan akka madaallii bishaanii, kuusaa kaarboonii, jiraachisaa lubbu-qabeenya bal'aa fi jireenya namoota miiliyoonaan lakkaa'amanii kenna. Itoophiyaan kaayyoo bara 2030tti hektaara miiliyoona 22 lafa miidhamee deebisanii haaromsuu fi kuusaa kaarboonii toonii miiliyoona 297 ta'u dhabamsiisuu qabachuun hojii bal'aa hojjechaa jirti. Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative) erga bara 2019 jalqabamee biqiltuu biiliyoona 48 ol kan dhaabe yoo ta'u, hojii magariisaa keessatti hojii uumuu 767,000 ol uumeera, kunis haguuggii bosonaa biyyattii hanga bara 2024tti gara 23.6%tti akka ol-guddatu taasiseera. Haa ta'u malee, bosonni biyyattii amma iyyuu balaa hamaa, kan akka babal'ina lafa qonnaa, muka qoraaf muruu, daldala mukaa seeraan ala fi hoggansa qabeenya uumamaa hanqachuu jala jiru; kunis hektaaraan kumaatamaan waggaatti akka manca'an taasisaa jira. Akkasumas, Itoophiyaan biyyoota addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta'an keessaa tokko yoo taatu, balaan hongee, lolaa fi sigigaachuu lafaa yeroo yerootti hammaachaa dhufuun bosona jiru tiksuu fi kan miidhame deebisanii dhaabuun dirqama hatattamaa akka ta'u mul'isa.
AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti pilaatfoormii beekumsaa fi qindoominaa ta'uun, qorattoota saayinsii bosonaa, hawaasa bosona keessa jiraatu, qaamolee mootummaa, dhaabbilee qorannoo fi dhaabbilee misoomaa gidduutti ragaa qabatamaa walitti fiduun hojjeta. Yeroo ammaa kana, xiyyeeffannoon biyyaalessaa bosona deebisanii dhaabuu fi kunuunsuu (forest restoration and conservation) irratti waan kennameef, AFOLU Itoophiyaan haala kana waliin walsimsiisuun, qorannoo gosa biqiltuu naannoof mijatu fi tooftaa haaromsa lafaa qabatamaa irratti dhiyeessa, hoggansa bosona hawaasaa (Participatory Forest Management) cimsuun waldaalee bosonaa hawaasaa deeggara, foncaa gatii oomishaalee bosonaa mukaa fi muka-maleeyyii itti fufiinsa qabu cimsuun qotee bultoonni bosona tiksuun galii akka argatan haala mijeessa, akkasumas inisheetiviiwwan biyyaalessaa, kan akka Ashaaraa Magariisaa, Climate Resilient Green Economy (CRGE) fi Daldala Kaarbonii (GCG), ragaa saayinsaawaa fi qorannoo qabatamaadhaan cimsa. Karaa kanaan, AFOLU Itoophiyaan saayinsii fi imaammata gidduutti riqicha ta'uun, murtiin bosonaa fi qabeenya uumamaa irratti fudhatamu hundi ragaa irratti hundaa'ee akka fudhatamu mirkaneessuun, ekoloojii biyyaa ijaaruu fi dhaloota boruuf dachee magariistuu dhaalchisuuf hojjeta.
🌍 EnglishEthiopia's forests, ranging from highland Afromontane forests to the dry woodland systems of the lowlands, represent some of the country's most valuable natural assets, providing critical ecosystem services such as water regulation, carbon storage, biodiversity habitat, and livelihoods for millions of forest-dependent people. Ethiopia has committed to restoring 22 million hectares of degraded land and removing up to 297 million tons of CO₂ equivalent by 2030, and through the Green Legacy Initiative launched in 2019, the country has planted over 48 billion seedlings and created more than 767,000 green jobs, helping to increase national forest cover to approximately 23.6% by 2024. Despite this progress, Ethiopia's forests remain under serious threat from agricultural expansion, fuelwood extraction, illegal logging, and weak governance, resulting in the loss of thousands of hectares each year. As one of the world's most climate-vulnerable nations, Ethiopia continues to face increasingly severe droughts, floods, and landslides, making the protection of existing forests and the restoration of degraded landscapes an urgent national priority.
AFOLU Ethiopia's forestry science sector operates as a knowledge and coordination platform, connecting researchers, forest-dependent communities, government agencies, research institutions, and development partners through evidence-based collaboration. Aligned with the country's current focus on forest restoration and conservation, AFOLU Ethiopia delivers scientific research on native species selection and landscape rehabilitation techniques, strengthens Participatory Forest Management (PFM) by supporting community forest associations, promotes sustainable value chains for both timber and non-timber forest products (NTFPs) so that communities can generate income while protecting forests, and reinforces national initiatives such as the Green Legacy Initiative, the Climate Resilient Green Economy (CRGE) strategy, and Daldala Kaarbonii (GCG) with rigorous scientific evidence. By bridging science and policy, AFOLU Ethiopia ensures that all decisions affecting forests and natural resources are grounded in robust evidence, ultimately building the country's ecological foundation and securing a green, resilient land for future generations.
AFOLU Itoophiyaan seektara Saayinsii Bosonaa keessatti hojiiwwan ijoo jaha (6) irratti xiyyeeffata. Hojiiwwan kunneen qindoominaan kan hojjetaman yoo ta'u, hawaasaa fi bosona irraa kaasee hanga daldala kaarboonii fi imaammata biyyaalessaatti, akkasumas xiinxala bosonaa (forest inventory) irraa kaasee hanga falmii imaammata bosonaatti walitti hidhamiinsaan hojjetamu. Karaa kanaan, AFOLU Itoophiyaan furmaata bal'aa, ragaa qabatamaa irratti hundaa'e fi itti fufiinsa qabu dhiyeessuun, bosona Itoophiyaa eegsisuu, deebisanii dhaabuu fi hoggansa itti fufiinsa qabuun gaggeessuu mirkaneessa.
Bosonni yoo hawaasni naannoo isaaniitti dhihoo jiraatu itti gaafatamummaa qabaate fi bu'aa qabatamaa argatu qofa kan tikfamuu fi itti fufu danda'u. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti hawaasni baadiyyaa bosona naannoo isaanii bulchuu, kunuunsuu fi itti fayyadamuu akka danda'aniif dhaabbilee hawaasaa ijaaruu fi mirga seeraa kennuun walqabatee leenjii ogummaa qopheessuu fi kennuu irratti hojjeta. Bulchiinsi Bosona Hawaasaa (CFM) bosona tiksuu fi jireenya hawaasaa fooyyessuu tokkummaadhaan kan dhugoomsudha.
Bosona tiksuuf, deebisanii dhaabuu fi sirritti bulchuuf, jalqaba bosonni biyyattii hangam akka ga'u, eessa akka argamu, gosti isaa akkamitti akka qoodame fi haalli isaa amma jiru akkam akka ta'e ragaa qabatamaa beekuun murteessaa dha. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti Inventarii Bosona Biyyaalessaa (National Forest Inventory) fi sirnoota hordoffii, kanneen ragaa saatalaayitii (satellite), droonii (drone) fi xiinxala dirree (field data) walitti makuun hojjetan, dhaabuu, cimsuu fi hojiirra oolchuu irratti hojjeta. Karaa kanaan, ragaan haalan madaalame fi yeroo isaa eeggate murteewwan saayinsii fi imaammataa ni deeggara.
Sirni GCG (Daldala Kaarbonii), bosona tiksuu, manca'iinsa bosonaa hir'isuu fi kuusaa daldala kaarboonii dabaluuf, biyyoota guddinarra jiraniif kaffaltii idil-addunyaa argamsiisuuf qophaa'e dha. Itoophiyaan, sababii bal'ina bosonaa, ekoloojii garaa garaa fi kaayyoo haaromsa lafaa qabaachuutiin, GCG keessatti carraa guddaa qabdi. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti tarsiimoo GCG biyyaalessaa deeggaruu, sirna madaallii fi gabaasaa (MRV systems) dhaabuu keessatti qooda bahachuu, akkasumas qotee bultoonni fi hawaasni gabaa kaarboonii (carbon credits) irraa galii qabatamaa akka argatan mirkaneessuu irratti hojjeta.
Bosonni mukaa warshaaleef barbaachisan qofa kan oomishu osoo hin taane, oomishaalee gatii guddaa qaban garaa garaa kan akka dammaa, buna bosonaa, qoricha uumamaa, firiilee bosonaa fi kkf, kanneen waliigalatti Oomishaalee Bosonaa Muka-Maleeyyii (NTFPs) jedhaman, ni kenna. Oomishaaleen kunneen jireenya hawaasa naannoo bosonaa keessatti gahee guddaa qabu. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti oomisha fi daldala NTFPs ammayyeessuu, hawaasni bosona tiksuun galii qabatamaa fi itti fufiinsa qabu akka argatu mirkaneessuu irratti hojjeta.
Lafa bosona manca'e fi qabeenya uumamaa miidhame deebisanii haaromsuun, ekoloojii biyyaa ijaaruu fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf bu'uura murteessaa dha. Itoophiyaan kaayyoo bal'aa qabaachuun, bara 2030tti hektaara miiliyoona 22 lafa miidhamee deebisanii haaromsuuf addunyaatti waadaa kan galte yoo ta'u, kunis wadaa AFR100 (African Forest Landscape Restoration Initiative) keessatti waadaa cimaa biyyaalessaa keessaa tokko ta'eera. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti karoora Haaromsa Lafa miidhamee fi Bosonaa (Forest Landscape Restoration) saayinsiin deeggaramee qopheessuu, tooftaalee mijatoo filachuu, hojiirra oolchuu fi bu'aa argamu hordofuu irratti hojjeta.
Bosona sirnaan tiksuuf, deebisanii dhaabuu fi hoggansa itti fufiinsa qabuun gaggeessuuf, ogeessonni saayinsii bosonaa, qaamolee mootummaa fi hawaasni naannoo beekumsa, dandeettii fi muuxannoo gahaa qabaachuu qaban. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti leenjii ogummaa, waltajjiiwwan beekumsaa fi marii imaammataa qindeessuun, akkasumas imaammata bosonaa biyyaalessaa fooyyessuuf ragaa saayinsaawaa qabatamaa qaamolee imaammata baasaniif dhiyeessuun, gama kanaan riqicha saayinsii fi imaammataa ta'uun hojjeta.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative), kan erga bara 2019 jalqabamee biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuun seenaa addunyaa galmeessise, seektara Saayinsii Bosonaa cimaa, qorannoo saayinsaawaadhaan deeggaramu fi tooftaa qabatamaa irratti hundaa'u malee milkaa'ina argate itti fufsiisuu hin danda'u; kanaafuu, AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti filannoo gosa biqiltuu (species selection) saayinsiin geggeeffamu, kunis gosa biqiltuu naannoof mijatu fi naannummaa qabu (indigenous species) dursoomsuu, sadarkaa jiraatummaa biqiltuu (survival rate) hordofuu, akkasumas mijaa'ina ekoloojii (ecological appropriateness) mirkaneessuu irratti xiyyeeffachuun hojjeta. Gama biraatiin, haguuggiin bosona biyyaalessaa harki 17.4% irraa gara 23.6%tti guddachuun, deeggarsa qorannoo Saayinsii Bosonaa, hordoffii qabatamaa fi tooftaa saayinsaawaa irratti hundaa'aa kan dhufe ta'uun, AFOLU Itoophiyaan akka pilaatfoormii beekumsaa fi qindoominaatti, sagantaa kanaaf bu'uura saayinsii dhiyeessuun, gara fuula duraattis milkaa'ina yeroo dheeraaf akka jiraatu mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa bahata.
Seektarri Saayinsii Bosonaa fi sirni REDD+ walitti hidhamiinsa baay'ee cimaa fi kallattii qabu, sababiinsaas hojiiwwan REDD+ ijoo hundi, kanneen akka inveentarii bosonaa (forest inventory), madaallii kuusaa kaarboonii (carbon stock assessment), Sadarkaa Bu'uuraa Baasii Kaarboonii Bosonaa (FREL) diriirsuu, sirna Hordoffii, Gabaasaa fi Mirkaneessaa (MRV systems) dhaabuu, akkasumas sirna eegumsaa (safeguards) qopheessuu, hundi isaanii bu'uura saayinsii bosonaa irraa kan maddan ta'uu isaaniiti. Kanaafuu, AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti bu'uura ogummaa fi saayinsii REDD+ guutummaatti dhiyeessuun, biyyattiin sirna kaarboonii idil-addunyaa keessatti gahee qabatamaa akka qabaattu fi galii kaarboonii dhugaa irratti hundaa'e akka argattu mirkaneessuu irratti hojjeta.
Bosonni, sululli fi biyyeen wal-hidhata uumamaa qabu; tokkoon tokkoon isaanii kan biraa irratti dhiibbaa kallattii qabaachuun, ekoloojii waliigalaa biyyaa eegsisu. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti naannoolee riparian (riparian buffer zones) lageen fi haroowwan cinaatti dhaabuu, bosona naannoo madda bishaanii (watershed bosonaa) deebisanii haaromsuu, akkasumas sirna agroforestirii keessatti gosa muka adda addaa, kan eegumsa biyyee fi gaaddidduu kennan, lafa qonnaa keessatti makuu irratti, seektara Bulchiinsa Qabeenya Uumamaa (NRM) fi Agroforestirii waliin tumsa cimaa qabaatuun hojjeta. Bosonni yoo tikfame, sululli madaala isaa kan eegu yoo ta'u, biyyeen dhukkubu hir'isuu fi oomishtummaa lafa qonnaa fooyyessuun, hojii walitti hidhamaa fi waliigaltee qabu mul'isa.
"Bosonni qabeenya osoo hin taane, lubbuu dha. Hargansuu dachee, kuusaa bishaanii, kuusaa beekumsaa fi haadha jireenyaa ti. Bosona tiksuu jechuun dachee lubbuu qabu dhaloota dhufuuf imaanaa kennuu dha; isa balleessuun garuu, dhaloota har'aas, dhaloota boruus, walumaan dhabamsiisuu dha. Filannoo lamaan keessaa kamtu mirga keenya, kamtu dirqama keenya?"
The forest is not merely a resource, it is a living being. It is the breath of the earth, the reservoir of waters, the keeper of wisdom, and the mother of life. To protect it is to entrust a living planet to those yet unborn; to destroy it is to erase both this generation and the next. Between these two paths, which is our right and which our duty?"
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa lubbu-qabeenyaan badhaatuu fi gahee guddaa addunyaarratti qaban keessaa tokko yoo taatu, gosa bineensota harma hodhan 311 ol, gosa simbirroo 863, akkasumas lubbu-qabeeyyii hedduu kanneen addunyaa biratti biyya kana qofa keessatti argaman (endemic) qabdi. Fakkeenyaaf, Yeeyyii Itoophiyaa (Ethiopian wolf), Jaldeessa Geelada (Gelada baboon), Walia ibex fi Harree Bosonaa Sumaalee (Somali wild ass), akkasumas bineensota kanneen gaarreen Baalee fi Semien keessa jiraatan, addunyaarratti Itoophiyaa qofa keessatti kan argamanidha. Qabeenyi uumamaa kun gumaacchi isaanii hangana kan hin jedhamne kan ta'an yoo ta'u, eegumsi isaanii dirqama biyyaalessaa fi addunyaawaati.
AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti pilaatfoormii beekumsaa fi qindoominaa ta'uun, qorattoota lubbu-qabeenyaa, hawaasa naannoo bosonaa, qaamolee mootummaa, dhaabbilee tuuriizimii fi tuuristoota gidduutti ragaa qabatamaa walitti fiduun, iddoo jireenya bineensotaa eeguu, bineensotaa fi hawaasa gidduutti wal-araarsuu (human-wildlife conflict mitigation), naannoo eegumsa hawaasaa (community conservation areas) ijaaruu, akkasumas tuuriizimii uumamaa itti fufiinsa qabu (sustainable ecotourism) babal'isuu irratti ni hojjeta. Karaa kanaan, uumamni fi hawaasni walumaan akka misooman, eegumsi lubbu-qabeenyaa galii diinagdee qotee bultoota fi hawaasa naannoo bosonaa cimsuun, dirqamaa fi bu'aa walitti fidu kan agarsiisu gahee isaa ni bahata.
🌍 EnglishEthiopia stands as one of Africa's most biodiverse nations, hosting over 311 mammal species, 863 bird species, and a remarkable number of endemic species found nowhere else on earth, including the Ethiopian wolf, Gelada baboon, Walia ibex, and Somali wild ass, which inhabit the Bale and Simien highlands. This biodiversity represents an irreplaceable natural heritage, the protection of which constitutes both a national and global responsibility.
AFOLU Ethiopia's Wildlife and Ecotourism sector operates as a knowledge and coordination platform that connects researchers, forest-dependent communities, government agencies, tourism stakeholders, and visitors through evidence-based collaboration. The sector supports habitat protection, human-wildlife conflict mitigation, community conservation areas, and the development of sustainable ecotourism, using these as integrated tools to simultaneously achieve biodiversity conservation and rural livelihood improvement, thereby demonstrating that nature and communities can thrive together.
AFOLU Itoophiyaan seektara Bineensota Bosonaa fi Tuuriizimii keessatti hojiiwwan ijoo jaha (6) irratti xiyyeeffata. Hojiiwwan kunneen qindoominaan kan hojjetaman yoo ta'u, eegumsa lubbu-qabeenyaa irraa kaasee hanga misooma tuuriizimii uumamaa itti fufiinsa qabuutti, akkasumas hordoffii bineensotaa irraa kaasee hanga jireenya hawaasaa fooyyessuutti walitti hidhamanii hojjetamu. Karaa kanaan, AFOLU Itoophiyaan furmaata bal'aa, ragaa qabatamaa irratti hundaa'e fi hawaasa naannoo fayyadu dhiyeessuun, eegumsa lubbu-qabeenya biyyaalessaa fi misooma diinagdee baadiyyaa walumaan dhugoomsa.
Naannoolee tikfamaan Itoophiyaa keessa jiran, kanneen akka Paarkii Biyyaalessaa Tulluu Baalee, Simien, Sululaa Oomoo, Awaash fi naannoolee biroo, qabeenya lubbu-qabeenya biyyaalessaa keessaa kan ijoo kan ta'aniidha. Naannoolee kanneen hoggansa gahaa, humna namaa leenji'ee fi meeshaalee teeknooloojii ammayyaatiin cimsuun hojii eegumsaa naannoo irratti dhiibbaa olaanaa qaba. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti ragaa teechnikaa, leenjii ogummaa fi gorsa qabatamaa kennuun, hoggansa naannoolee tikfamaa cimsuun, qabeenyi lubbu-qabeenyaa kun haalaan akka tikfamu gadi fageenyaan hojjeta.
Bineensonni bosonaa horii hawaasaa fixuu, oomisha qonnaa balleessuu, akkasumas yeroo tokko tokko namootatti miidhaa geessisuu, hawaasa naannoo paarkii fi bosona keessa jiraataniif rakkoo guddaa fi yaaddoo guyyuu ta'eera. Kanaaf, hawaasni miidhaa argamu sirritti dhiphata, bineensonnis akka diinaatti waan ilaalamaniif, eegumsa lubbu-qabeenyaa irratti dhiibbaa olaanaa qaba. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti wal-falmiinsa bineensaa fi namaa hir'isuuf furmaata saayinsaawaa, hawwataa fi hawaasaaf mijatu, bineensotaa fi namootni nagaan akka jiraatan kan taasisu, ni barbaada.
Paarkoota biyyaalessaa alatti, naannoolee hawaasaan mataa isaatiin tiksuu fi bulchu (Community Conservation Areas (CCAs)) Itoophiyaa keessatti bal'inaan jiru. Naannoolee kunneen, hoggansa hawaasaa fi mirga seeraa naannoolee tikfamaa idil-addunyaa (IUCN Category VI) waliin walsiman qabaachuun, eegumsa lubbu-qabeenyaa keessatti gahee guddaa qabu. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti hawaasni bineensotaa fi qabeenya uumamaa naannoo isaanii tiksuun galii qabatamaa, kan tuuriizimii uumamaa, oomishaalee bosonaa muka-maleeyyii (NTFPs) fi gurgurtaa kaarboonii irraa argamu, akka argatan mirkaneessuuf, CCAs ijaaruu, deeggaruu fi cimsuu irratti hojjeta.
Bineensota fi lubbu-qabeenya bal'aa sirritti tiksuuf, jalqaba bineensonni hangam akka jiran, eessatti akka argaman, haala isaanii fi sababii baay'inni isaanii hir'achaa dhufe gadi fageenyaan beekuun murteessaa dha. Gaaffiiwwan kanneen ragaa qabatamaa fi madaallii saayinsaawaadhaan deebii kennuun yoo hin danda'amne, eegumsi hojiirra ooluu dadhaba. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti sirna hordoffii saayinsaawaa, madaallii qabatamaa fi sassaabbii ragaa fooyya'aa dhaabuu fi cimsuu irratti hojjeta. Karaa kanaan, qaamolee dhimmichi ilaalu hundaaf ragaa amanamaa dhiyeessuun, murtii eegumsaa qajeelaa kennamuu danda'u taasisa.
Tuuriizimiin Itoophiyaa galii biyyaalessaaf qabatamaa kan gumaachu yoo ta'u, sadarkaa olaanaa bara 2019tti doolaara biiliyoona 4.8 ga'uun GDP biyyattii cimseera. Haa ta'u malee, hawaasni naannoo paarkii fi bosona keessa jiraatu, kan qabeenya uumamaa fi lubbu-qabeenya tikseef bu'aa argamu keessaa hanga barbaadamu hin argatu. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti oomishaalee tuuriizimii uumamaa (ecotourism products), kanneen akka simbirroo daawwachuu (birdwatching), saafarii bineensota bosonaa (wildlife safaris) fi tuuriizimii aadaa (cultural tourism), qopheessuu fi babal'isuu irratti hojjeta. Karaa kanaan, hawaasni naannoo qabatamaadhaan galii akka argatuu fi eegumsa lubbu-qabeenyaa irratti hirmaattota qabatamoo akka ta'an mirkaneessa.
Lubbu-qabeenya bal'aa fi bineensota bosonaa Itoophiyaa sirritti tiksuuf, ogeessonni saayinsii lubbu-qabeenyaa, hawaasni naannoo, qaamoleen mootummaa fi qooda-fudhattoonni hundi dandeettii, beekumsa fi muuxannoo gahaa qabaachuu qaban. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti leenjii ogummaa, qorannoo qabatamaa fi marii imaammataa qindeessuun, akkasumas imaammata bineensota bosonaa fi tuuriizimii uumamaa fooyyessuuf ragaa saayinsaawaa qaamolee imaammata baasaniif dhiyeessuun, gama kanaan riqicha saayinsii fi imaammataa ta'uun hojjeta.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative), kan biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuun seenaa addunyaa galmeessise, eegumsa lubbu-qabeenya bal'aa Itoophiyaaf carraa addaa kan banu yoo ta'u, bosonni haaromfamu fi lafti deebisanii dhaabame, bineensota bosonaa kanneen iddoo jireenya isaanii dhabaniif naannoo jireenyaa (habitat) haaraa fi mijataa uuma; akkasumas, wal-keessummeessaa lubbu-qabeenyaa cimaa fooyyessuun, lubbu-qabeenyaan badhaadhuu Itoophiyaa baroota dheeraaf akka itti fufu mirkaneessa. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti biqiltuun dhaabamu hundi qooda eegumsa lubbu-qabeenyaa qabu akka ta'uuf, gosa biqiltuu naannoof mijatu fi naannummaa qabu (indigenous/native species) dursoomsuun saayinsiidhaan deeggaruu, biqiltuu karaa bineensonni walitti dhufanii sosoocho'an (wildlife corridors) keessatti dhaabuu, akkasumas iddoowwan haaromfaman keessatti bineensonni deebi'anii akka jiraatan hordoffii saayinsaawaa gaggeessuu irratti xiyyeeffachuun hojjeta. Karaa kanaan, sagantaan Green Legacy bosona haaromsuu qofa osoo hin taane, bineensotaa fi lubbu-qabeenya bal'aaf "mana haaraa" (new home) kan uumu ta'uun, eegumsa naannoo, deebii jijjiirama qilleensaa fi misooma hawaasummaa walumaan dhugoomsa.
Bosona tiksuun bineensota tiksuu wajjin walitti hidhamiinsa cimaa fi kallattii kan qabu yoo ta'u, lamaan keessaa tokko malee kan biraa milkaa'ina argachuu hin danda'u; sababiinsaas, bosonni iddoo jireenyaa (habitat) bineensota bosonaaf yoo ta'u, bineensonnis sirna ekoosistemaa bosonaa madaalaa fi fayya-qabeessa eeguuf gahee murteessaa qabu. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti sirni REDD+ kuusaa kaarboonii dabaluu fi manca'iinsa bosonaa hir'isuu qofa osoo hin taane, eegumsa lubbu-qabeenya bal'aas akka deeggaru taasisuuf, sirna eegumsaa lubbu-qabeenyaa (biodiversity safeguards) sirna REDD+ keessatti hojiirra oolchuu irratti hojjeta. Karaa kanaan, hordoffii baay'ina bineensotaa, gabaasaa madaalawaa fi madaallii qulqullina iddoo jireenya bineensotaa (habitat quality monitoring) gaggeessuun, hojiin REDD+ lubbu-qabeenyaaf miidhaa malee bu'aa qabatamaa akka argamsiisu mirkaneessa. Akkasumas, gama biraatiin, bineensonni bosonaa fi tuuriizimiin uumamaa galii hawaasaaf maddisiisuu danda'an taasisuun, hawaasni naannoo bosona tiksuuf kaka'umsa diinagdee qabatamaa akka qabaatu mijeessuun, eegumsa bosonaa, kaarboonii fi lubbu-qabeenyaa walumaan dhugoomsa.
Bineensotaa fi ekoosistemaa tiksuun, kallattiidhaan dandeettii dandamachuu jijjiirama qilleensaa biyyaalessaa cimsuun gahee guddaa qaba. Sababiinsaas, ekoosistemni fayya-qabeessi qulqullina bishaanii eegsisuu, dhukkubuu biyyee ittisuu, kuusaa kaarboonii ta'uu fi madaala qilleensa naannoo eegsisuu keessatti bu'uura. Tooftaan dandamannaa ekoosistemaa irratti hundaa'e (Ecosystem-based Adaptation), kan bosona, sululaa fi iddoo jireenya bineensotaa tiksuun karaa qilleensa jijjiiramaa biraa nagaadhaan dabarsu. AFOLU Itoophiyaan seektara kana fi Sagantaa Dandamannaa Jijjiirama Qilleensaa gidduutti walitti hidhamiinsa cimaa fi waliigaltee ifa ta'e uuma. AFOLU Itoophiyaan keessumattuu lubbu-qabeenyi naannoo keessatti baay'inaan akka jiraatuu fi gosti murteessoo (keystone species), kanneen ekoosistema keessatti gahee gurguddaa kan akka biqiltuu facaasuu, dhalaa dhalaaf bishaan kuusuu fi bineensota biroo to'achuu qaban, sirritti akka tikfaman taasisuun, jiraachisaa fi madaalli ekoosistemaa qabatamaadhaan cimsa. Karaa kanaan, eegumsi lubbu-qabeenyaa qaama tarsiimoo dandamannaa jijjiirama qilleensaa biyyaalessaa kan ta'u yoo ta'u, hawaasni baadiyyaa fi qotee bultoonni jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta'an, deeggarsa ekoosistemaa qabatamaa argachuun jireenya isaanii fooyyeffachuu danda'u.
"Yeeyyiin Itoophiyaa dachee abbaa isaa Baalee keessatti bilisaan kaachuu, jaldeessi geelada Simien keessatti yaadda'a malee jiraachuu, kun kennaa osoo hin taane, mirga uumamaan kennameef ti. Mirga kana tiksuun aangoo osoo hin taane, dirqama dhaloota har'aa ti. Bineensota keenyaan boonuu, kun jalqabuma; tiksuu fi haala isaaniif mijatu uumuu, kun dhugoomsuu dha. Gaaffiin guddaan, 'Boruu, ijoolleen keenya seenaa kana kitaaba keessatti dubbisumoo, ykn ijaan arguu?' kan jedhu dha."
"The Ethiopian wolf to roam free on its native soil , and the gelada to graze unburdened in the Simien, these are not gifts, but rights bestowed by nature itself. To safeguard these rights is not authority, but the moral duty of this generation. Pride in our wildlife is merely the beginning; protection and the creation of conditions where they may thrive, that is the fulfillment. The greater question remains: 'Will our children, tomorrow, read this story in books, or witness it with their own eyes?'"
Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa (GLI) sagantaa biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taane, tarsiimoo qabatamaa manca'iinsa lafaa deebisanii ijaaruu fi kuusaa kaarboonii (carbon sequestration) dabaluuf qophaa'e dha. Qorannoowwan jaurnaloota addunyaa irratti bara 2025/26 keessa maxxanfaman akka agarsiisanitti, lafa sagantaa kanaan kunuunfame irratti manca’iinsi biyyoo (soil loss) dhibbeentaa %40–70 hir’achuu danda'eera. Kunis bu'uura jabeenya ekoloojii qofa utuu hin taane, madda bishaanii lafa jalaa (groundwater recharge) deebisee ijaaruun qonna itti-fufiinsa qabuuf wabii ta’eera. Inni biraan ragaa saayinsaawaan mirkanaa’e, inisheetiviin kun mukkeen firiilee (agroforestry) irratti xiyyeeffachuu isaati. Mukkeen akka Avokaadoo, Maangoo fi Paappaayyaa waliigala biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbeentaa %25-30 yoo ta’an, kunis galii maatii qotee bulaa giddu-galeessaan dhibbeentaa %12 ol guddiseera. Qorannoon Food Security irratti bahe akka mirkaneessutti, qindoominni Ashaaraa Magariisaa fi sagantaa "YeLemat Trufat" wabii nyaataa Itoophiyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Seektarri AFOLU Itoophiyaa ragaalee saayinsaawaa kanaan fayyadamuun gara fuulduraatti hojiiwwan teeknoolojiin deeggaraman irratti xiyyeeffatee hojjeta. Maddoonni beekumsaa akka Nature Communications fi Science agarsiisanitti, Itoophiyaan haguuggii bosonaa ishee gara %23.6 (2024/25) tti guddisuun ishee gabaa kaarboonii idil-addunyaa (Carbon Credits) keessatti hirmaattuu cimaa ishee taasisa. Kallattiin seektara AFOLU gara fuulduraa, teeknoolojiiwwan Remote Sensing fi GIS (Google Earth Engine) fayyadamuun hordoffii (monitoring) biqiltuuwwan dhaabbatan hagam akka guddatan fi hamma kaarboonii isaan kuusan madaaluu irratti xiyyeeffata. Kunis ragaa Itoophiyaan dhiyeessitu sadarkaa idil-addunyaatti amanamummaa akka qabaatu taasisa. Dabalataan, hojiin AFOLU inni guddaan qotee bulaan akka abbummaatti biqiltuuwwan kunuunsuu itti fufsiisuuf deeggarsa teeknikaa fi faayinaansii madda kaarboonii irraa argamuu akkamitti akka hirmmachuu dandahu hubachiisuu fi barsiisuudha.
🌍 EnglishThe Ethiopian Green Legacy Initiative (GLI) transcends a mere tree planting program. It is a meticulously designed strategic framework for landscape restoration and enhanced carbon sequestration. Recent scientific studies published in prestigious global journals reveal that lands managed under this initiative have experienced a remarkable 40% to 70% reduction in soil loss rates. This achievement not only strengthens ecological resilience but also facilitates groundwater recharge, serving as a critical cornerstone for sustainable agriculture. Furthermore, the initiative’s emphasis on agroforestry has been scientifically validated for its socio-economic impact. By integrating fruit bearing trees such as Avocado, Mango, and Papaya, which comprise 5% to 10% of the total seedlings planted, the program has increased average rural household incomes by over 12%. Research confirms that the synergy between the Green Legacy and the YeLemat Trufat program is playing a pivotal role in ensuring Ethiopia's food sovereignty.
The Ethiopian AFOLU (Agriculture, Forestry, and Other Land Use) sector is increasingly leveraging these scientific insights to transition toward technology driven interventions. According to reports from Nature Communications and Science, Ethiopia’s success in expanding its national forest cover to 23.6% as of 2024/25 positions the country as a formidable participant in the international carbon market. Moving forward, the AFOLU sector’s strategic direction focuses on utilizing advanced technologies, including Remote Sensing and GIS via Google Earth Engine, to monitor seedling survival rates and quantify biomass carbon stocks. This high resolution monitoring ensures that Ethiopia’s environmental data maintains global transparency and credibility. Additionally, a primary objective of AFOLU is to empower local farmers by providing technical support and education on how to access financial benefits from carbon sequestration sources. This approach ensures that communities take full ownership of conservation efforts, effectively building a sustainable and resilient Green Economy.
Milkaa'inni misooma bosonaa biyyaalessaa kan ijaarame bu'uura saayinsaawaa qulqullina sanyii fi madaqinsa ekoloojii irratti hunda'eeni. Biqiltuun dhaabamtu naannoo tokkoon tokkootti madaquu qabdi. Fakkeenyaaf, naannoo goggogaa keessatti gosa hongee dandamatu (drought-tolerant), naannoo baddaatti immoo gosa naannoo sanaatti beekamutu dhaabama. Seektarri AFOLU ragaa saayinsaawaa fayyadamuun filannoo gosa biqiltuu (species selection) fi qulqullina buufata biqiltuu (nursery quality) mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjeta.
Biqiltuu dhaabame miliyoonaan lakkaa'amu keessaa meeqni akka jiraate beekuun bu'aa qabeessummaa sagantichaa madaaluuf baay'ee barbaachisaa dha. Seektarri AFOLU ragaa saayinsaawaa fi sirna MRV (Monitoring, Reporting, and Verification) diriirsuun, reeta jiraachuu (survival rate) fi guddina biqiltuuwwan dhaabbatanii hordofuu irratti hojjeta. Ragaaleen akka agarsiisanitti, naannolee gammoojjii keessatti jiraachuun biqiltuu dhibbeentaa 55% gadi bu'uu akka danda'u hubatameera.
Biqiltuun dhaabamte kaarboonii meeqa kuusaa jirti? Kun madaalamuun isaa biyyattiin waadaa gumaacha biyyaalessaa (NDC) keessatti galte guutaa jiraachuu ishee mirkaneessuu fi galii kaarboonii irraa argamuuf baay'ee barbaachisaa dha. Seektarri AFOLU seektara kana keessatti shallaggii kaarboonii (carbon accounting) fi REDD+ (Hir’isuu gubama bosonaa fi manca’iinsa bosonaa) walitti hidhuu irratti hojjeta.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bu'aa ekoloojii meeqa fidaa jira? Maddi bishaanii dabalaa jiraa? Biyyeen fooyyachaa jiraa? Lubbu-daneessummaan (biodiversity) deebi'aa jiraa? Seektarri AFOLU dhiibbaa ekoloojii sagantichaa maddisiisuu fi gabaasuu irratti hojjeta. Ragaaleen akka agarsiisanitti, lafa sagantaa kanaan kunuunfame irratti manca’iinsi biyyoo dhibbeentaa %40 hanga %70 hir’achuu danda’eera.
Biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti dhaabaman keessaa dhibbeentaan %25 hanga %30 mukkeen firiilee akka ta’an kaayyeffatama. Kunis wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii qonnaan bulaa fooyyessuu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Seektarri AFOLU seektara kana keessatti gosa mukkeen firiilee filachuu, qulqullina nursery mirkaneessuu fi hawaasaaf raabsuu irratti hojjeta.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hawaasni of-danda'ee kan hogganu fi kan tiksu yoo ta'e qofa itti fufiinsa qabaata. Kunis sagantichi xumuramee boodas biqiltuuwwan dhaabbatan akka guddatan mirkaneessa. Seektarri AFOLU seektara kana keessatti hawaasa gurmeessuu, leenjisuu fi itti gaafatamummaa abbummaa akka itti dhaga’amu taasisuu irratti hojjeta.
Milkaa'inni inisheetivii Ashaaraa Magariisaa (GLI) inni itti fufiinsa qabu bu'uura cimaa Saayinsii Bosonaa irratti kan hundaa'e dha. Seektarri AFOLU ragaalee saayinsaawaa qabatamaa ta'an fayyadamuun, hojii biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taane, adeemsa ekosisteemii guutuu deebisanii ijaaruu irratti xiyyeeffata. Kunis, jalqaba irratti filannoo gosa biqiltuu madaqinsa agro-ekoloojii irratti hundaa’e gaggeessuun, sanyii biqiltoota biyya keessaa (native species) dursa kennuu dabalata. Adeemsi kun madda ragaa amanamummaa qabu kan akka waraabbii qabeenya bosonaa (forest inventory) fi madaallii kuusaa kaarboonii irratti kan hunda’e yoo ta'u, kunis baayoomaasii lafa irraa fi lafa jalaa saayinsii silviculture fayyadamuun shallaguun gabaa kaarboonii idil-addunyaa (REDD+) waliin walitti hidha. Dabalataan, biqiltuuwwan dhaabbatan guddina isaanii hordofuun (survival monitoring) fi rakkoolee akka weerara dhibee ykn hoongee qorannoo saayinsaawaan adda baasuun furmaata teeknikaa dhiyeessuun itti gaafatamummaa AFOLU ti. Hojiiwwan haaromsa bosonaa (forest restoration) kunniin lafa manca’e gara ekosisteemii faayidaa guutuu kennuutti jijjiiruuf, dandeettii dhiyyeessii bishaan lafa jalaa deebisuu, gabbina biyyoo fooyyessuu fi lubbu-daneessummaa (biodiversity) uumamaa tiksuu irratti xiyyeeffannoo guddaa kenna. Waliigalaan, Saayinsiin Bosonaa milkaa'ina Ashaaraa Magariisaatiif akka ragaa utubaa ta'uun, dhibbeentaa jiraachuu biqiltuu guddisuu fi tajaajila ekosisteemii hunda-galeessa ta’e mirkaneessuuf gahee bakka bu’iinsa hin qabne taphata.
Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa (GLI) biqiltuu dhaabuu qofa irratti utuu hin taane, bu'uura cimaa Bulchiinsa Qabeenya Uumamaa (NRM) fi Agroofooreestirii irratti hundaa'ee kan qindaa'edha. Seektarri AFOLU, qindoomina kana mirkaneessuuf, biqiltuuwwan akka itti fufiinsaan guddatan caasaalee kunuunsa biyyee fi bishaanii (SWC structures) irratti akka dhaabbatan gochuun manca'iinsa biyyoo hir'isuu irratti xiyyeeffannoo guddaa kenna. Adeemsi kun haaromsa sululaa (watershed restoration) waliin kan wal-simatu yoo ta'u, sululoota manca'an deebisanii ijaaruun madda bishaanii haaromsuu fi gogiinsa naannoo ittisuu keessatti gahee olaanaa taphata. Dabalataan, inisheetivichi sirna agroofooreestirii babal'isuun, mukkeen faayidaa garaagaraa qaban lafa qonnaa irratti makuun gabbina biyyoo fooyyessuu fi galii dabalataa qonnaan bulaaf uumuu irratti hojjeta. Sirna NRM fayyadamuun biyyee gabbisuu fi jiidha lafaa tursiisuun dandeettii biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaa akka guddatan taasisuun, lafa qullaa ta'e deebisanii bosoneessuu fi tajaajila ekosisteemii madaalawaa ta'e uumuuf gargaara. Waliigalaan, qindoominni hojiiwwan qonnaa, bosonaa fi fayyadama lafaa (AFOLU) kun, qonnaan bulaan jijjiirama qilleensaa dandamachuu akka danda'u gochuun, tarsiimoo diinagdee magariisaa mirkaneessuu keessatti utubaa cimaa dha.
Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa (GLI) wabii nyaataa mirkaneessuu fi jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa kan taphatu yoo ta'u, kunis bu'uura cimaa Saayinsii Biqiltootaa irratti hundaa'eera. Seektarri AFOLU, biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbeentaa 25% hanga 30% mukkeen firiilee akka ta’an gochuun, gumaacha sagantichaa kallattii kanaan jiru saayinsaawaa taasisa. Adeemsi kun qulqullina sanyii (species quality) mirkaneessuu irraa jalqabee, gosa mukkeen firiilee naannoo waliin madaqan filachuu fi hawaasaaf raabsuu irratti xiyyeeffata. Dabalataan, inisheetivichi Inisheetivii Bulee (Yelemat Tirufat) waliin qindoomuun, madda nyaataa garaagaraa (nutrition diversity) uumuu fi vitaamiinii dabalataa oomishaalee firiilee irraa argamu mirkaneessuu irratti hojjeta. Mukkeen firiilee akka Avokaadoo, Maangoo fi Paappaayaa lafa qonnaa irratti makuun, galii qonnaan bulaa dabaluu bira darbee, wabii nyaataa maatii deeggaruuf dandeettii guddaa qaba. Waliigalaan, Saayinsiin Biqiltootaa qulqullina oomishaa fi madaqinsa mukkeen kanaan walitti hidhamuun, Ashaaraa Magariisaa madda galii fi nyaataa amansiisaa taasisa.
"Biqiltuu tokko dhaabuu jechuun boru muka tokko arguu qofaa miti; madda bishaanii tiksuu, gabbina biyyee eeguu, kaarboonii kuusuu fi dhaloota dhufuuf Itoophiyaa magariisaa dhaalchisuu dha."
"Planting one seedling is not just about seeing one tree tomorrow; it means preserving water, protecting soil, sequestering carbon, and bequeathing a green Ethiopia to the generations that follow us."
Wabii nyaataa mirkaneessuun hawaasni hundi yeroo hunda fi naannoo hundatti nyaata baay’ina, qulqullina fi gosaan gahaa ta’e akka argatu gochuu dha. Itoophiyaa keessatti dhimmi kun rakkoolee wal-xaxoo kanneen akka rooba gahaa dhabuu, manca’iinsa biyyee, hanqina teeknoolojii fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa waliin walitti hidhamee dhufa. Rakkoolee kanaan dura turaan kana furuuf, AFOLU Itoophiyaa seektaroota teknikaa hunda kanneen akka Saayinsii Biqiltootaa, Beelladootaa, Agroofooreestirii fi Misooma Baadiyyaa haala qindoomina qabuun walitti makuun furmaata saayinsaawaa dhiyeessa.
Sagantaan kun inisheetiviiwwan biyyaalessaa gurguddoo kanneen akka oomisha Qamadii, Faayaa, fi Bulee deeggaruun, oomishtummaa guddisuu keessatti ragaa teknikaa fi beekumsa bu’uuraa dhiyeessuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjeta. Milkaa’ina Itoophiyaan oomisha qamadii fi kanneen biroo irratti galmeessite cimsanii itti fufsiisuuf AFOLU'n gahee utubaa ni taphata. Waliigalaan, tattaaffiin kun qonnaa ammayyeessuu fi ekosisteemii eeguun dhaloota dhufuuf Itoophiyaa of-danda’e dhaalchisuuf murteessaa dha.
🌍 EnglishFood security remains one of Ethiopia's most pressing development challenges as millions face seasonal food insecurity driven by drought, land degradation, and climate variability. AFOLU Ethiopia's food security program addresses these hurdles through integrated multi-sector interventions that simultaneously improve agricultural production and natural resource management. By harmonizing technical sectors including plant science, animal science, and agroforestry, the program builds resilient food systems capable of withstanding environmental and economic shocks.
This strategic approach focuses on the most vulnerable communities to ensure that smallholder farmers in climate-stressed regions are equipped with the technical expertise needed to secure a food-sufficient future. Supporting national initiatives such as wheat self-sufficiency and the Yelemat Tirufat dairy program, AFOLU translates scientific research into practical field applications. Through these efforts, Ethiopia aims to reduce extreme poverty to 7% by 2030 while maintaining a high-growth inclusive economy that preserves its natural heritage for generations to come.
AFOLU Itoophiyaa inisheetiviiwwan biyyaalessaa misooma qonnaa fi wabii nyaataa cimsuuf qophaa'an, kanneen akka Sagantaa Qamadii Biyyaalessaa, Sagantaa Bulee fi Inisheetivii Faayaa, ragaa qorannoo saayinsaawaa fi beekumsa ogummaadhaan deeggaruun, oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa fi murteessaa ni taphata. Karaa kanaan, filannoo gosa sanyii jijjiirama qilleensaa dandamatu fooyyessuu, hojii jallisii saayinsiidhaan cimsuu, qonnaa cluster fi waldaalee hojii gamtaa qajeelfamaan ijaaruu, akkasumas bu'aa sagantaalee biyyaalessaa madaaluudhaan, riqicha qorattoota fi qotee bultoota gidduutti uumamuun, beekumsi qorannoo dhaabbilee saayinsii keessa jiru qotee bultoota miiliyoonaan lakkaa'aman qabatamaadhaan bira ga'uun, oomishtummaan qonnaa Itoophiyaa daraan akka cimu fi jireenyi qotee bultootaa akka fooyya'u ni taasisa.
Wabii nyaataa biyyaalessaa mirkaneessuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuun, bu'uura saayinsaawaa qorannoo Saayinsii Biqiltootaa irratti hundaa'a; kunis seektarri lamaan, kan akka utubaalee waliin hidhaman, tokkoon isaanii kan biraa malee milkaa'ina hin argamsiisne dha. Saayinsii Biqiltootaa keessatti milkaa'inni argamu, kan akka misooma sanyii fooyya'aa, sirna oomishaa ammayyaa fi tooftaa qonnaa qabatamaa, kallattiidhaan inisheetiviiwwan biyyaalessaa, kanneen akka Inisheetivii Qamadii, Inisheetivii Bulee fi Inisheetivii Yelemat Tirufat keessaa, akkasumas sagantaa eegumsa hawaasaa (PSNP) keessaa miidhamtoonni akka fayyadaman taasisa. Inisheetiviin Misooma Qamadii, kan bara 2019 keessa Itoophiyaan qamadii alaa galchuu hir'isuu fi alergii eegaluuf eegale, dhugumaan bu'uura saayinsii biqiltootaa cimaa irratti kan ijaarame yoo ta'u, sanyiin qamadii ho'a fi hongee dandamatu, sirni jallisii saayinsiidhaan deeggaramu, akkasumas hoggansa biyyee fi to'annaa dhukkubaa, hundi qorannoo Saayinsii Biqiltootaa irraa kan maddanidha. Akkasumas, sirni eegumsa hawaasaa ofii isaatii hawaasa balaa wabii nyaataa jala jiru deeggaruu danda'us, hawaasonni kunneen yeroo dheeraaf akka deeggarsa irraa fagaachuu danda'aniif, oomishtummaa qonnaa qotee bultoota xixiqqoo fooyyessuu fi sirna nyaataa madaalawaa diriirsuun barbaachisaa dha.
AFOLU Itoophiyaan walitti hidhamiinsa kana keessatti, riqicha saayinsii fi imaammataa ta'uun, gahee qabatamaa fi murteessaa taphata. Seektara Saayinsii Biqiltootaa keessatti, qorannoo sanyii ammayyaa, kan jijjiirama qilleensaa dandamatu fi naannoolee adda addaaf mijatu, fooyyessuu fi babal'isuu; sirna jallisii saayinsiidhaan qusachiisuu fi tooftaa agronoomii ammayyaa hojiirra oolchuu; akkasumas, kishaaraa oomishaa boodaa (post-harvest loss) hir'isuuf qorannoo fi tooftaa qabatamaa dhiyeessuu irratti xiyyeeffachuun hojjeta. Karaa kanaan, AFOLU Itoophiyaan inisheetiviiwwan biyyaalessaa fi sagantaa eegumsa hawaasaa walitti fiduun, qotee bultoonni xixiqqoonis ta'an, hawaasonni miidhamtoonni, beekumsa saayinsaawaa fi tooftaa ammayyaadhaan deeggaramuun, oomishtummaa olaanaa, gabaa qabatamaa fi jireenya of-danda'eef akka qabaatan mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba.
Wabii nyaataa madaalawaa hawaasaaf mirkaneessuun, oomishaalee beelladaa fi qurxummii kan akka aannanii, foonii, hanqaaquu fi dammaa irraa kan argamu, kan dhala namaaf madda pirootinii, vaayitamiinota fi albuudaa murteessaa ta'edha; kanaaf, Saayinsiin Beelladootaa fi Inisheetiviin Faaya (Yelemat Tirufat) seektaroota wal-utubuu fi tokkummaadhaan kan deemanidha. Inisheetiviin Faaya bara 2022 keessa kan eegale, oomishtummaa aannanii, hanqaaquu, foon lukkuu, dammaa fi qurxummii guddisuun, sirna nyaataa hawaasaa fooyyessuu, hojii uumuu, alergii dabaluu fi alaa galchii hir'isuu kaayyoo isaa ijoo godhata. Hanga bara 2024tti, inisheetivii kanaan, oomishni aannanii liitira biiliyoona 7.2 (2021/22) irraa gara biiliyoona 10tti, hanqaaquun biiliyoona 3.2 irraa gara biiliyoona 5.7tti, dammi toonii kuma 128 irraa gara toonii kuma 272tti, akkasumas foon lukkuu toonii kuma 70 irraa gara toonii kuma 208tti guddatee, sirni sanyii saanyii ammayyeessuu (artificial insemination) miiliyoona 0.5 irraa gara miiliyoona 3.8tti babal'achuun, sa'awwan ammayya'aan guyyaatti liitira aannanii 15 (kan biyya keessaa liitira 1.5 qofa) akka kennan taasiseera. Milkaa'inni kun hundi, dhugumatti, qorannoo Saayinsii Beelladootaa cimaa fi tooftaa saayinsaawaa irratti kan hundaa'edha. Sanyiin fooyya'u malee, sirni nyaata beelladaa madaalawaa ta'u malee, akkasumas to'annaa dhukkubaa malee, oomishtummaan kun argamuu hin danda'u.
AFOLU Itoophiyaan walitti hidhamiinsa Saayinsii Beelladootaa fi Inisheetivii Faaya kana keessatti, riqicha saayinsii fi imaammataa ta'uun, gahee qabatamaa fi murteessaa taphata. Misooma sanyii beeyladaa fooyya'aa, kan akka sa'a aannan baay'inaan kennan, lukkuu hanqaaquu fi foon oomishan, akkasumas hoggansa kaniisaa damma oomishan, qorannoodhaan deeggara. Akkasumas, sirna nyaataa beeyladaa fooyyessuu, fayyaa fi ittisa dhukkubaa beeyladaa, sirna saanyii ammayyeessuu cimsuu, akkasumas qulqullina aannanii, foon, hanqaaquu fi dammaa idil-addunyaadhaan walsimsiisuu irratti, dhaabbilee qorannoo idil-addunyaa waliin tumsuun ni hojjeta. Karaa kanaan, AFOLU Itoophiyaan qotee bultoonni, dubartoonni hoggantuu maatii fi dargaggoonni, beekumsa saayinsaawaa fi tooftaa ammayyaadhaan deeggaramuun, oomishtummaa olaanaa fi galii qabatamaa akka argatan haala mijeessa; kunis Inisheetivii Faaya milkaa'ina itti fufiinsa qabu mirkaneessuu cinaatti, sirna nyaataa madaalawaa biyyaalessaa fi wabii nyaataa hawaasaa cimsuun, gumaacha qabatamaa kan godhudha.
Jijjiiramni qilleensaa, wabii nyaataa biyyaalessaa fi addunyaa irratti balaa guddaa kan qabu yoo ta'u, hongee yeroo dheeraa, gogiinsa biyyee, rooba gahaa dhabuu, akkasumas haalota qilleensaa hammaataa (extreme weather events), kanneen akka lolaa fi qilleensa cimaa, oomishtummaa qonnaa qotee bultoota irratti dhiibbaa olaanaa qaba. Itoophiyaan, biyyoota addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta'an keessaa tokko taatee, sektarri qonnaa ishee kan caalaatti roobarratti hirkatu (rain-fed) ta'uu isaatiif, oomishtummaa fi galiin qotee bultootaa balaa kana jala kan jiruudha. Kanaaf, sagantaalee fi inisheetiviiwwan biyyaalessaa hundi, kanneen akka Inisheetivii Misooma Qamadii, Inisheetivii Faaya, fi Inisheetivii Bulee bu'aa qabatamaa fi itti fufiinsa qabu argachuu yoo barbaadan, dandamannaa jijjiirama qilleensaa cimaa irratti hundaa'uu qabu. Karaa kanaan, qonna saayinsaawaadhaan jijjiirama qilleensaa dandamatu (Climate-Smart Agriculture) sirna nyaataa biyyaalessaa cimaa fi waaraa uumuuf utubaa murteessaa ta'a.
AFOLU Itoophiyaan walitti hidhamiinsa kana keessatti, riqicha saayinsii fi imaammataa ta'uun, gahee qabatamaa fi murteessaa taphata. Tooftaalee Qonna Saayinsiidhaan Jijjiirama Qilleensaa Dandamatu (Climate-Smart Agriculture (CSA)) babal'isuu, sanyii biqiltootaa hongee, ho'a fi dhukkuba dandamatu (drought, heat-, and disease-tolerant varieties) qorannoodhaan deeggaree dhiyeessuu, akkasumas sirna akeekkachiisa hatattamaa qilleensaa (early warning systems) fi madaallii balaa qilleensaa (climate risk assessment) diriirsuu irratti xiyyeeffachuun hojjeta. Akkasumas, hoggansa biyyee fi bishaanii saayinsiidhaan deeggaramu, sirna jallisii qusachiisuu (water-efficient irrigation), bulchiinsa daraaraa fi haaromsa lafa miidhamee, akkasumas inshuraansii qonnaa fi sirna kuusaa midhaanii hawaasaa cimsuu irratti deeggarsa qabatamaa kenna. Karaa kanaan, AFOLU Itoophiyaan qotee bultoonni, dubartoonni hoggantuu maatii, hawaasonni baadiyyaa fi godinaaleen qilleensaaf saaxilamoo ta'an, beekumsa saayinsaawaa fi teeknooloojii qabatamaadhaan deeggaramuun, dandeettii dandamachuu jijjiirama qilleensaa cimsuun, sirni nyaataa Itoophiyaa balaa qilleensaa kamiifuu dandamachuu kan danda'u, qabatamaa fi waaraa akka ta'u mirkaneessa.
"Qotee bulaan tokko, beekumsa saayinsaawaa, sanyii fooyya'aa fi deeggarsa qabatamaa yoo argate, lafa hektaara tokkicha harka isaa keessaa hin baane irraa, maatii isaa qofa osoo hin taane, ollaa isaa, magaalaa isaa fi biyya isaa guutuu nyaachisuu danda'a. Wabiin nyaataa kennaa mootummaa, arjummaa dhaabbilee idil-addunyaa, ykn carraa jireenyaa miti; nyaatni gahaan, madaalawaan fi guyyaa guyyaan argamu, kabaja namummaa, eenyummaa biyyummaa fi mirga uumamaa lammii Itoophiyaa hundaaf addaan hin baafamne ta'uu qaba."
"When a farmer is empowered with scientific knowledge, improved seed, and tangible support, from a single hectare held in their own hand they can nourish not only their family, but their neighbors, their city, and an entire nation. Food security is no gift of government, no charity from international donors, no chance of fortune; adequate, balanced, daily-accessible food must be recognized as the dignity of our humanity, the essence of our nationhood, and the inalienable natural right of every Ethiopian."
Bosona tiksuun fi haaromsuun dandamannaa qilleensaa cimsuu qofa osoo hin taane, maddisiisa gaasii ho’ina dabalan (emission) hir’isuu keessatti gahee dachaa qaba. AFOLU Itiyoophiyaa seektara kana keessatti saayinsii bosonaa ammayyeessuun REDD+ MRV (Monitoring, Reporting, and Verification), herrega kaarboonii bosonaa (forest carbon accounting), fi madaqama ekosisteemii irratti hundaa’e (EbA) walitti makuun hojjeta. Kaayyoon ijoon walitti hidhamiinsa kanaa, bosona tiksuuf incentive diinagdee (carbon payments) akka argamu gochuu fi dandamannaa ekoolojii (EbA) tokkotti argamsiisuun jireenya hawaasaa fi fayyaa naannoo mirkaneessuudha.
Hojii kanaan, REDD+ hojiirra oolchuun Itiyoophiyaan gabaasa qulqulluu qabu addunyaatti akka dhiyeessitu deeggarsa teeknikaa ni kenna. Ragaalee saayinsawaa fayyadamuun madda kaarboonii bosona keessa jiru herreguu fi hordofuun, kaffaltii kaarboonii bu’aa irratti hundaa’e (results-based payments) mirkaneessuu irratti xiyyeeffata. Kunis qorannoowwan haaraa gama biomass carbon stock fi soil organic carbon irratti gaggeeffamaniin kan deeggaramuudha. Gama biraatiin, bosona manca’e deebisanii haaromsuun haala qilleensaa naannoo (micro-climate) fooyyessuun balaa ho’a cimaa fi rooba hamaa irraa ittisa uumamaa uuma.
AFOLU Itiyoophiyaa odeeffannoo fi muuxannoowwan saayinsii bosonaa kanaan walqabatan qotee bulaa irraa kaasee hanga ogeessotaatti share gochuun akka giddu-gala beekumsaatti tajaajila. Platformiin kun qorannoowwan saayinsawaa herrega kaarboonii fi madaqama ekosisteemii irratti gaggeeffaman bifa salphaan qopheessuun ogeessota dhimmi ilaallatu hunda biraan gaha. Leenjii ogummaa kennuun dandeettii ogeessotaa ijaaruu fi muuxannoo hojii REDD+ babal'isuun, bosona keenya tiksuun diinagdee magariisaa (CRGE) Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ni hojjeta.
Jijjiiramni qilleensaa oomishtummaa qonnaa hir’isuun wabii nyaataa hawaasaa irratti balaa guddaa uuma. AFOLU Itiyoophiyaa seektara kana keessatti saayinsii biqiltootaa ammayyeessuun sanyiiwwan hongee fi ho’a dandamatan (drought-tolerant varieties) babal’isuu, sirna jallisii ammayyeessuu, fi hojimaata qonnaa qilleensatti madaqan (climate-smart production practices) dhiyeessuun sirna nyaataa (food system) dandamannaa qabu ijaaruuf seektaroota kana lachuu waliin qindoominaan hojjeta. Kaayyoon ijoon walitti hidhamiinsa kanaa, oomishtummaan qonnaa yeroo haalli qilleensaa hammaatu illee akka gadi hin buunee fi wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuudha.
AFOLU Itoophiyaa, sanyiiwwan saayinsaan fooyya’an kanneen naannoo tokkoon tokkoo waliin madaquu danda’an adda baasuun qonnaan bulaaf dhaqqabsiisuu irratti xiyyeeffannoo guddaa kenna. Teeknoolojii jallisii ammayyaa fi sirna kuusaa bishaanii diriirsuun, qonnaan bulaan yeroo hanqinni roobaa mudatutti oomisha isaa akka hin dhabne deeggarsa ogummaa ni kenna. Akkasumas, hojimaata qonna eegumsa qabu kan akka "no-till" fi "crop rotation" babal'isuun biyyoo manca'uu irraa ittisuun oomishtummaa dachee yeroo dheeraaf ni tiksa. Sirni qindaa'aa kun biyyoo kunuunsuu fi bishaan qusachuun dachee oomishituu dhaloota boruuf dabarsuuf bu'uura cimaadha.
AFOLU Itiyoophiyaa odeeffannoo fi muuxannoowwan saayinsii biqiltootaa fi wabii nyaataa kanaan walqabatan qotee bulaa irraa kaasee hanga ogeessotaatti share gochuun akka giddu-gala beekumsaatti tajaajila. Platformiin keenya qorannoowwan saayinsawaa gama sanyii fooyya’aa fi teeknoolojii qonnaa irratti gaggeeffaman bifa salphaan qopheessuun ogeessota dhimmi ilaallatu hunda biraan gaha. Leenjii ogummaa kennuun dandeettii qonnaan bulaa ijaaruu fi muuxannoo qonna qilleensatti madaqe (CSA) babal'isuun, wabii nyaataa biyyaalessaa mirkaneessuu fi dinagdee qonnaa jabeessuuf ni hojjeta.
Hoggansi qabeenya uumamaa (NRM) fi agroforestiriin, kanneen akka haaromsa sululaa (watershed restoration), agroforestirii, fi deebisanii bayyanachiisuu lafa dheedumsaa (rangeland rehabilitation), dandamannaa qilleensaa irratti dhiibbaa ol-aanaa qabu. AFOLU Itiyoophiyaa seektara kana keessatti dandamannaa sadarkaa babal’aa (landscape-level resilience) lafa, bishaan, bosona, fi qonnaa walitti makee hojjechuun, hawaasni jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda'u mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo guddaan ni hojjeta. Kaayyoon ijoon walitti hidhamiinsa kanaa, ekosisteemni walitti makame kun biyyoo tiksuun, bishaan kkufachuun, fi kaarbooni kuusuun dandamannaa qilleensaa naannoo akka cimsu gochuudha.
Hojii kanaan, sululoota bishaanii manca’an deebisanii bayyanachiisuun dhiqama biyyee ittisuu fi madda bishaanii hawaasaaf wabii akka ta'u gochuu irratti xiyyeeffata. Tarsiimoo agroforestirii fi silvo-pastoral kan muka, qonnaa, fi horii walitti maku naannoolee hunda keessatti babal'isuun oomishtummaa dachee ni fooyyessa. Akkasumas, lafa dheedumsaa manca’e haaromsuun, horsiisee bulaan yeroo ongeen hammaatutti dandeettii danda'anii jiraachuu (resilience) akka qabaatan gargaara. Sirni qindaa'aa kun biyyoo kunuunsuu fi bishaan qusachuun dachee biyyeen gabbattee dhaloota boruuf omisha gahaa kennitu dabarsuuf bu'uura cimaadha.
AFOLU Itiyoophiyaa odeeffannoo fi muuxannoowwan hoggansa qabeenya uumamaa kanaan walqabatan qotee bulaa irraa kaasee hanga ogeessotaatti share gochuun akka giddu-gala beekumsaatti tajaajila. Platformiin keenya qorannoowwan saayinsawaa gama agroforestirii fi haaromsa sululaa irratti gaggeeffaman bifa salphaan qopheessuun ogeessota dhimmi ilaallatu hunda biraan gaha. Leenjii ogummaa kennuun dandeettii hawaasaa ijaaruu fi muuxannoo hojii NRM babal'isuun, qabeenya uumamaa keenya haala itti-fufiinsa qabuun tiksuu fi madaqama qilleensaa biyyaalessaa mirkaneessuuf ni hojjeta.
"Jijjiiramni qilleensaa gufuu miti; qormaata nuti qindoomina qonnaa, bosonaa fi saayinsiitiin mo’achuu dandenyuudha. Itiyoophiyaan dandeettii uumamaa fi beekumsa qindeeffachuun, dachee jijjiirama qilleensaa dandamattu dhaloota dhufuuf dhaalchisuu ni dandeessi."
"Climate change is not a barrier, but a challenge we can overcome through the integration of agriculture, forestry, and science. By aligning our natural potential with coordinated expertise, Ethiopia has the power to build a climate-resilient landscape and bequeath a thriving earth to the generations to come."
Daldala Kaarboonii jechuun sirna naannoo eeguun madda galii itti argamuudha. Sirni kun "Carbon Credit" (waraqaa ragaa toonii tokko CO2 qilleensa keessaa hir'achuu isaa mirkaneessu) irratti hundaa’a. Dhaabbileen ykn biyyoonni gaasii ho’ina dabalan (GHG) baay’inaan gadi lakkisan, dhiibbaa qilleensa irratti uuman hir’isuuf kireediti kaarboonii bitatu. Itoophiyaan ammoo madda biqiltuu dhaabuu, manca’iinsa bosonaa ittisuu fi qonna ammayyeessuun kaarboonii qilleensa keessaa xuuxamee akka kuufamu gochuun kireeditii kana gabaa idil-addunyaatti dhiyeessiti.
AFOLU Itoophiyaa daldala kana keessatti akka pilaatfoormii beekumsaa fi qorannootti tajaajila. Kunis, herrega kaarboonii (Carbon Accounting) saayinsaawaa ta’e gaggeessuu, sirna MRV diriirsuun kireeditiin Itoophiyaa gabaa addunyaatti fudhatama akka argatu gochuu fi hawaasni kaffaltii kaarboonii (Carbon Payments) irraa galii haqa qabeessa ta’e akka argatu hubannoo uumuu irratti hojjeta. Itoophiyaan dandeettii dachee ishee guututti fayyadamuun daldala kana irraa waggaatti hanga doolaara biiliyoona $5 argachuuf poteenshiyaalii guddaa qabdi.
🌍 EnglishCarbon trading is a market-based mechanism designed to provide financial incentives for reducing greenhouse gas emissions. It operates through "Carbon Credits," where one credit represents the removal or avoidance of one metric ton of carbon dioxide (CO2e) from the atmosphere. Countries or corporations that exceed their emission limits can purchase these credits from nations like Ethiopia, which actively sequester carbon through large-scale reforestation, forest conservation, and sustainable land management.
AFOLU Ethiopia serves as a knowledge and research hub in this sector. It provides the scientific foundation for carbon accounting, supports the implementation of high-quality Monitoring, Reporting, and Verification (MRV) systems, and ensures that local communities are empowered through capacity building to benefit from carbon finance. By optimizing its land management practices, Ethiopia has the potential to generate up to $5 billion in annual carbon revenue, significantly contributing to the country's green economy goals under the Paris Agreement.
Daldalli kaarboonii bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu isaa mirkaneessuuf, jechuun hamma emission hir’atee fi kaarboonii kuufamee, sirni MRV (Monitoring, Reporting, and Verification) bu’uura murteessaadha. AFOLU Itoophiyaa daldala kaarboonii keessatti sirna MRV saayinsaawaa ta’e diriirsuu fi cimsuu irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjeta. Hojiin kun dachee manca’e irratti biqiltuu dhaabuu irraa kaasee, hamma bosona jiru kunuunsuu fi babal’isuutti kan xiyyeeffatu dha. AFOLU Itoophiyaan seektara kana keessatti ragaa saayinsaawaa maddisiisuun gahee olaanaa taphata. Kunis, biqiltuun dhaabame tokko waggaatti hamma kaarboonii qilleensa keessaa xuuxu (sequestration) saayinsii ammayyaatiin herrega. Kana malees hamma biomassii lafa gubbaa fi jalaa hordofuu, akkasumas manca’iinsa bosonaa teeknoolojii saatalayitiidhaan ittisuu irratti hojjeta. Bu’aan kunuunsa bosonaa kun gara kireeditii kaarbooniitti jijjiiramuun gabaa idil-addunyaatti akka dhiyaatu gochuun, hawaasni naannoo eegumsa bosonaa gaggeessu kaffaltii kaarboonii irraa galii kallattii akka argatu taasisu irratti gahee isaa ni bahata. Kunis, hawaasni bosona akka madda galii itti-fufiinsa qabuutti akka ilaaluuf deeggarsa ogummaa fi teeknikaa cimaa kenna.
Daldalli kaarboonii misooma bosonaa qofa osoo hin taane, teeknoolojiiwwan anniisaa qusatanii fi manca’iinsa bosonaa hir’isanis ni dabalata. Xiyyeeffannoon damee kanaa killaayaa ammayyaa fi anniisaa biyoogaasii qotee bultoota biraan gahuun dhiibbaa bosona irra jiru hir’isuu dha. AFOLU Itoophiyaan teeknoolojiiwwan anniisaa qusatan kana irratti qorannoo gaggeessuun, hamma qoraan bosona irraa furaa ture hir’isuu isaa mirkaneessa. Qorannoon kun oomisha gaasii qilleensa faalu (emission) hangam akka hir’ise ragaa amansiisaa qopheessa. Ragaan kun ammoo gara kireeditii kaarbooniitti jijjiiramuun gabaa irra oola. Kanaanis, hawaasni naannoo tajaajila anniisaa qulqulluu argachuu bira darbee, sababa gaasii qilleensa faalu qusataniif galii maallaqaa dabalataa akka argatan karaan ni saaqama. AFOLU Itoophiyaan qindoomina kanaan fayyadamummaa hawaasaa fi eegumsa naannoo gidduutti hidhata cimaa uuma.
"Dachee keenya kunuunsuun hawaasaaf galii itti-fufiinsa qabu maddisiisa, oomisha gaasii qilleensa faalu hir'isuun dandeettii dandamannaa biyyattii cimsa, akkasumas addunyaaf hojimaata misooma magariisaa milkaa'aa ta'e agarsiisa. Daldalli kaarboonii kun milkaa'uu kan danda'u yoo qorannoon saayinsaawaa, hirmaannaan hawaasaa fi deeggarsi mootummaa qindoominaan utubaa tokko jalatti socho’an qofaadha."
"Nurturing our landscapes generates sustainable income for communities, reduces national emissions to build climate resilience, and demonstrates a successful green development model for the world. Carbon trading can only achieve its full potential when rigorous scientific research, active community engagement, and strong government commitment work in seamless synergy."
AFOLU Itoophiyaa gabaasaalee fi maxxansaalee bal'aa — gabaasaalee waggaa, barruulee qorannoo, barruulee imaammataa, qajeelcha teknikaa, fi seenaalee milkaa'inaa — ni baasa. Hunda kana armaan gaditti buufachuu ni dandeessu.
AFOLU Itoophiyaa ragaalee saatalayitii, kaartaa kuusaa kaarboonii, fi tajaajila GIS qorannoo qonnaa fi bosonaatiif gargaaran dhiyeessa. Ragaalee kanaan gaditti qindaa'an sakatta'uu fi buufachuu ni dandeessu.
AFOLU Itoophiyaa qajeelcha teknikaa fi meeshaalee leenjii hojjattootaa dirree, qindeessitootaa hawaasaa, fi dhaabbileef qopheessa. Qajeelchi kun armaan gaditti buufachuu ni dandeessu.
For project partnership inquiries, contact us at afoluofethiopia@gmail.com
To register for events or submit abstracts, contact afoluofethiopia@gmail.com